WelCome to Ambo University Institutional Repository!!

Xiinxala Asoosama Gidiraa Gadaameessaa Ija Yaaxxina Dubartummaatiin

Show simple item record

dc.contributor.author Tigist, Girmaa
dc.date.accessioned 2025-08-29T13:38:47Z
dc.date.available 2025-08-29T13:38:47Z
dc.date.issued 2025-12
dc.identifier.uri http://hdl.handle.net/123456789/4632
dc.description.abstract Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa asoosama Gidiraa Gadaameessaa ija yaaxina dubartummaan xiinxaluudha. Qorannoon kun mala qorannoo akkamtaa dhimma ba’amuun geggeeffameera. Maddi ragaa qorannoo kanaas, madda ragaa tokkoffaadha. Maddi ragaa tokkoffaa kunis, asoosama Gidiraa Gadaameessaa kan jedhudha. Malli iddatteessuu qorannoo kanaas mala iddatteessuu miti carraa keessaa mala iddatteessuu kaayyeeffataatti dhimma ba’ameera. Tooftaan funaansa ragaa qorannoo kanaas sakatta’a barruuti. Malli xiinxala ragaalee qorannichaa immoo mala akkamtaa fayyadamte. Sababni isaas ragaaleen qorannichaa bifa jechaafi ibsaan waan xiinxalamaniidha. Argannoowwan qorannichaas: namfakkileen dubartootaa qooddattoota dubartiifi dhiiraa walbira qabnee yoo ilaaaman dubartiin akka sodaattuu, dadhabduu, qofa galeetti, maraattuu, hirkattuu taateetti bocamuu, asoosama kana keessatti dhimmoonni walqixxummaa koornayaa irra caalaan olaantummaa dhiirotaatiin dhiyaachuu, asoosamicha keessatti sababa olaantummaa dhiirotaarraa kan ka’e, namfakkiilee dubartootaarra dhiibbaan gama xinsammuu, hawaasummaa, siyaasaafi dinagdeetiin namfakkiilee dubartootaarra akka ga’e hubachuun danda’ameera. Asoosamoota gara fuulduraatti barreeffaman keessatti, namfakkileen dubartis akkuma qooddataa dhiiraa cimtuufi ofitti amanamummaa akka qabaattutti bocuun osoo dhiheessani fudhatama qaba. Asoosamoonni kanaan booda barreeffaman dhimmoota walqixxummaa koornayaa gama lamaaniinu osoo walmadaalchisanii barreessuu yaalani bu’a qabeessa ta’a. Barreessitoonni asoosamaa gara fuulduraa, dubartootni dhimmoota akka xiinsammuu, siyaasaa, dinagdeefi hawwaasummaa keessatti dhiibbaan gama olaantummaa dhiirotaan irra gahuu baatee hirmaannaa walqixaa akka qabanitti barreessanii irra fudhatama qaba. en_US
dc.language.iso ao en_US
dc.publisher Yuunivarsiitii Amboo en_US
dc.subject Xiinxala en_US
dc.subject Asoosama en_US
dc.subject Ija en_US
dc.title Xiinxala Asoosama Gidiraa Gadaameessaa Ija Yaaxxina Dubartummaatiin en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search AmbouIR


Advanced Search

Browse

My Account