Abstract:
Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa asoosama Gidiraa Gadaameessaa ija yaaxina
dubartummaan xiinxaluudha. Qorannoon kun mala qorannoo akkamtaa dhimma
ba’amuun geggeeffameera. Maddi ragaa qorannoo kanaas, madda ragaa tokkoffaadha.
Maddi ragaa tokkoffaa kunis, asoosama Gidiraa Gadaameessaa kan jedhudha. Malli
iddatteessuu qorannoo kanaas mala iddatteessuu miti carraa keessaa mala
iddatteessuu kaayyeeffataatti dhimma ba’ameera. Tooftaan funaansa ragaa qorannoo
kanaas sakatta’a barruuti. Malli xiinxala ragaalee qorannichaa immoo mala akkamtaa
fayyadamte. Sababni isaas ragaaleen qorannichaa bifa jechaafi ibsaan waan
xiinxalamaniidha.
Argannoowwan qorannichaas: namfakkileen dubartootaa
qooddattoota dubartiifi dhiiraa walbira qabnee yoo ilaaaman dubartiin akka
sodaattuu,
dadhabduu, qofa galeetti, maraattuu, hirkattuu taateetti bocamuu,
asoosama kana keessatti dhimmoonni walqixxummaa koornayaa irra caalaan
olaantummaa dhiirotaatiin dhiyaachuu, asoosamicha keessatti sababa olaantummaa
dhiirotaarraa kan ka’e, namfakkiilee dubartootaarra dhiibbaan gama xinsammuu,
hawaasummaa, siyaasaafi dinagdeetiin namfakkiilee dubartootaarra akka ga’e
hubachuun danda’ameera. Asoosamoota gara fuulduraatti barreeffaman keessatti,
namfakkileen dubartis akkuma qooddataa dhiiraa cimtuufi ofitti amanamummaa akka
qabaattutti bocuun osoo dhiheessani fudhatama qaba. Asoosamoonni kanaan booda
barreeffaman
dhimmoota walqixxummaa koornayaa gama lamaaniinu osoo
walmadaalchisanii barreessuu yaalani bu’a qabeessa ta’a. Barreessitoonni asoosamaa
gara fuulduraa, dubartootni dhimmoota akka xiinsammuu, siyaasaa, dinagdeefi
hawwaasummaa keessatti dhiibbaan gama olaantummaa dhiirotaan irra gahuu baatee
hirmaannaa walqixaa akka qabanitti barreessanii irra fudhatama qaba.