WelCome to Ambo University Institutional Repository!!

Xiinxala Ergaa Mammaaksota Oromoo Manguddoo Ilaalchisee Mammaakamu: Aanaa Tokkee Kuttaayee Irratti Xiyyeeffate

Show simple item record

dc.contributor.author Beenyaa, Shaanqoo
dc.date.accessioned 2025-08-05T08:14:04Z
dc.date.available 2025-08-05T08:14:04Z
dc.date.issued 2025-12
dc.identifier.uri http://hdl.handle.net/123456789/4486
dc.description.abstract Kaayyoon qorannoo kanaa Ergaa mammaaksa Oromoo Manguddoota ilaalchisee mammaakamu Godina Shawaa Lixaa aanaa Tokkee Kuttaayee xiinxaluudha. Kaayyoo kana galmaan ga’uufis malli qorannoo dhimma itti ba’ame, mala qorannoo qulqulleeffataati. Malli iddattoo qorataan kun itti fayyadame mala iddatteessuu kaayyeffataa yoo ta’u, namoota dhimmicharratti muuxannoofi beekkumsa gahaa qabu jedhamee abdatamuu irraa ragaan kan funaanname. Meeshaaleen funaansa ragaa qorannoo kanaaf dhimma itti bahame immoo, afgaaffiifi marii gareedha. Adeemsa qorannoo kana keessatti argannoowwan qorannoo kanaatiin bira ga’amanis, 1ffaa, Ergaan mammaaksonni Oromoo manguddoo ilaalchisanii mammaakaman gahee adda addaa qabu. Kunis miliqqeef, obsa dhabuuf, kabajaaf, barsiisuuf, yaada, fedhii, komee, tuffii keessa namaa jiru ittiin to’achuuf akka gargaaru qorannoo kanaan bira ga’ameera. 2ffaa, Ergaan qabiyyeewwan mammaaksota Oromoo manguddootaa ilaalchisanii mammaakamu ergaa gararagaraa qabu kan dabarsu aadaafi seenaa uummataa keessatti dinagdee, gamnummaa, obsa, tokkummaafi olaantummaa dubartootaa ofkeessatti kan hammatu ta’uusaa qorannoo kanaan bira ga’ameera. 3ffaa, Ergaawwan mammaaksota Oromoo manguddoota ilaalchisee mammaakaman yoomessa garagaraa keessatti nifayyadu. Kunis, yeroo gaa’eelaa, yeroo namoonni wal lolan ittiin araarsuufi yeroo garagaraatti kan dhimma itti bahamu ta’uusaa qorannoo kanaan bira ga’ameera. 4ffaa Ergaawwan makmaaksi manguddoo ilaalchisee mammaakamu faayidaa hedduu hawaasichaaf kan kennudha. Isaanis: gorsuu, qeequu (sirreessuu), barsiisuu, bashannansiisuufi tajaajiala biroof akka inni gargaaru qorannoo kanaan bira ga’amee jira en_US
dc.language.iso ao en_US
dc.publisher Yuunivarsiitii Amboo en_US
dc.subject Xiinxala en_US
dc.subject Ergaa Mammaaksota en_US
dc.subject Manguddoo en_US
dc.title Xiinxala Ergaa Mammaaksota Oromoo Manguddoo Ilaalchisee Mammaakamu: Aanaa Tokkee Kuttaayee Irratti Xiyyeeffate en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search AmbouIR


Advanced Search

Browse

My Account