Abstract:
Kaayyoon qorannoo kanaa Ergaa mammaaksa Oromoo Manguddoota ilaalchisee
mammaakamu Godina Shawaa Lixaa aanaa Tokkee Kuttaayee xiinxaluudha. Kaayyoo kana
galmaan ga’uufis malli qorannoo dhimma itti ba’ame, mala qorannoo qulqulleeffataati.
Malli iddattoo qorataan kun itti fayyadame mala iddatteessuu kaayyeffataa yoo ta’u,
namoota dhimmicharratti muuxannoofi beekkumsa gahaa qabu jedhamee abdatamuu irraa
ragaan kan funaanname. Meeshaaleen funaansa ragaa qorannoo kanaaf dhimma itti bahame
immoo, afgaaffiifi marii gareedha. Adeemsa qorannoo kana keessatti argannoowwan
qorannoo kanaatiin bira ga’amanis, 1ffaa, Ergaan mammaaksonni Oromoo manguddoo
ilaalchisanii mammaakaman gahee adda addaa qabu. Kunis miliqqeef, obsa dhabuuf,
kabajaaf, barsiisuuf, yaada, fedhii, komee, tuffii keessa namaa jiru ittiin to’achuuf akka
gargaaru qorannoo kanaan bira ga’ameera. 2ffaa, Ergaan qabiyyeewwan mammaaksota
Oromoo manguddootaa ilaalchisanii mammaakamu ergaa gararagaraa qabu kan dabarsu
aadaafi seenaa uummataa keessatti dinagdee, gamnummaa, obsa, tokkummaafi
olaantummaa dubartootaa ofkeessatti kan hammatu ta’uusaa qorannoo kanaan bira
ga’ameera. 3ffaa, Ergaawwan mammaaksota Oromoo manguddoota ilaalchisee
mammaakaman yoomessa garagaraa keessatti nifayyadu. Kunis, yeroo gaa’eelaa, yeroo
namoonni wal lolan ittiin araarsuufi yeroo garagaraatti kan dhimma itti bahamu ta’uusaa
qorannoo kanaan bira ga’ameera. 4ffaa Ergaawwan makmaaksi manguddoo ilaalchisee
mammaakamu faayidaa hedduu hawaasichaaf kan kennudha. Isaanis: gorsuu, qeequu
(sirreessuu), barsiisuu, bashannansiisuufi tajaajiala biroof akka inni gargaaru qorannoo
kanaan bira ga’amee jira