WelCome to Ambo University Institutional Repository!!

Qaaccessa Mammaaksota Oromoo Ollaafi Ollummaa Cimsan: Kan Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Amuruu

Show simple item record

dc.contributor.author Zinnaash, Taarraqany
dc.date.accessioned 2025-03-12T11:57:57Z
dc.date.available 2025-03-12T11:57:57Z
dc.date.issued 2024-11
dc.identifier.uri http://hdl.handle.net/123456789/4408
dc.description.abstract Kaayyoon qorannoo kanaa ergaa mammaaksota Oromoo Ollaafi Ollummaa cimsuuf mammaakaman Oromoo Godina Horroo Guduruu Wallaggaa, Aanaa Amuruu qaaccessuudha. Qorattuunis, mala qorannoo ibsaatti kan gargaaramte yoo ta’u, tooftaa iddatteessuu akkaayyoo (kaayyeffataa)fi darbaa dabarsaa gargaaramuun gandoonni Anaa Amuruu adda addaa shan filatamaniiru.. Tokkoon tokkoo gandootaa keessaa odeef-kennitoota ja’a ja’a walitti namoota digdamii afur fi hojjattoota waajjira aadaafi turizimii keessaa odeef-kennitoota ja’a walumaagalatti odeef-kennitoota soddoma filachuun qorattuun tun qorannicha kan gaggeessite yoo ta’u, af-gaaffidhaaf odeef-kennitoota ja’a, marii gareedhaaf immoo odeef-kennitoota digdamii afur garee miseensa namoota ja’a ja’ a of keessaa qabu garee afuritti qooduudhaan hirmachiifameera. Qorattuun meeshaalee funaansa ragaalee kanneen akka: af'gaaffii, marii garee xiyyeeffannoofi sakatta'a galmee kan fayyadamteedha. Haaluma kanaan, mammaaksonni Oromoo Ollaafi Ollummaa cimsuu irratti xiyyeeffachuun mammaakaman ergaan isaan qaban ragaaleen marii gareefi af-gaaffii akka ibsanitti, mammaaksonni Oromoo ollaafi ollummaa cimsan hawaasa keessatti faayidaa guddaa kan qaban yoo ta’an, dhaloonni yeroo ammaa sababa ilaalcha ammayyummaatiin kan dagachaa jiran ta’uu; qabiyyeewwan mammaaksota kanneenii haala bilchina qabuun hawaasa ollaa waliin jiraatu: kan barsiisu, kan cimsuufi kan jajjabeessu akkasumas, mammaaksonni ollaafi ollummaa irratti mammakaman kunneen waliin jireenya (walitti dhufeenya) hawaasummaa keessatti jibbiinsa hir’isuun karaa jaalalaafi tasgabbii qabuun ollaan tokkummaan akka wajjin jiraatu taasisuu irratti gahee olaanaa kan qabu ta’uun isaa bira ga’amee jira. Dhumarratti, yaada furmaataa mammaaksi qareeyyii hawaasaa jiran keessaa dubbii mi’eessuuf, haasaa jalqabanii ittiin xumuruuf nuffii malee ergaan akka darbu gochuufi faayidaalee hedduu kan qabuufi ollaan karaa walitti fufiinsa qabuun wajjin akka jiraatu ittiin gorfamuu danda’an waan qabuuf Waajjirri Aadaafi Turiizimii haala itti fayyadama mammaaksota ollummaa cimsuuf qabu beeksisuuf carraaqqii osoo godhe gaariidha. Akkasumas, Waajjirri Aadaaf Turiizimiifi hawaasni qabiyyeewwan mammaaksota kanneenii waliin jireenya Ollaafi ollummaa keessatti jaalalli, nageenyiifi tasgabbiin akka jiraatu waan taasisuuf, uummanni caalaatti hubatee akka itti gargaaramu hubannoo uumuu, kitaabilee barnootaa keessatti mammaksonni ollaafi ollummaa cimsan akka hammataman qaama barnootaa kan ta’an waliin carraaqqii osoo taasisanii gaariidha. en_US
dc.language.iso ao en_US
dc.publisher Ambo University en_US
dc.subject Qaaccessa en_US
dc.subject Mammaaksota Oromoo en_US
dc.subject Godina Horroo Guduruu en_US
dc.title Qaaccessa Mammaaksota Oromoo Ollaafi Ollummaa Cimsan: Kan Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Amuruu en_US
dc.type Thesis en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search AmbouIR


Advanced Search

Browse

My Account