Abstract:
Kaayyoon qorannoo kanaa ergaa mammaaksota Oromoo Ollaafi Ollummaa cimsuuf
mammaakaman Oromoo Godina Horroo Guduruu Wallaggaa, Aanaa Amuruu qaaccessuudha.
Qorattuunis, mala qorannoo ibsaatti kan gargaaramte yoo ta’u, tooftaa iddatteessuu akkaayyoo
(kaayyeffataa)fi darbaa dabarsaa gargaaramuun gandoonni Anaa Amuruu adda addaa shan
filatamaniiru.. Tokkoon tokkoo gandootaa keessaa odeef-kennitoota ja’a ja’a walitti namoota
digdamii afur fi hojjattoota waajjira aadaafi turizimii keessaa odeef-kennitoota ja’a
walumaagalatti odeef-kennitoota soddoma filachuun qorattuun tun qorannicha kan gaggeessite
yoo ta’u, af-gaaffidhaaf odeef-kennitoota ja’a, marii gareedhaaf immoo odeef-kennitoota
digdamii afur garee miseensa namoota ja’a ja’ a of keessaa qabu garee afuritti qooduudhaan
hirmachiifameera. Qorattuun meeshaalee funaansa ragaalee kanneen akka: af'gaaffii, marii
garee xiyyeeffannoofi sakatta'a galmee kan fayyadamteedha. Haaluma kanaan, mammaaksonni
Oromoo Ollaafi Ollummaa cimsuu irratti xiyyeeffachuun mammaakaman ergaan isaan qaban
ragaaleen marii gareefi af-gaaffii akka ibsanitti, mammaaksonni Oromoo ollaafi ollummaa
cimsan hawaasa keessatti faayidaa guddaa kan qaban yoo ta’an, dhaloonni yeroo ammaa
sababa ilaalcha ammayyummaatiin kan dagachaa jiran ta’uu; qabiyyeewwan mammaaksota
kanneenii haala bilchina qabuun hawaasa ollaa waliin jiraatu: kan barsiisu, kan cimsuufi kan
jajjabeessu akkasumas, mammaaksonni ollaafi ollummaa irratti mammakaman kunneen waliin
jireenya (walitti dhufeenya) hawaasummaa keessatti jibbiinsa hir’isuun karaa jaalalaafi
tasgabbii qabuun ollaan tokkummaan akka wajjin jiraatu taasisuu irratti gahee olaanaa kan
qabu ta’uun isaa bira ga’amee jira. Dhumarratti, yaada furmaataa mammaaksi qareeyyii
hawaasaa jiran keessaa dubbii mi’eessuuf, haasaa jalqabanii ittiin xumuruuf nuffii malee
ergaan akka darbu gochuufi faayidaalee hedduu kan qabuufi ollaan karaa walitti fufiinsa
qabuun wajjin akka jiraatu ittiin gorfamuu danda’an waan qabuuf Waajjirri Aadaafi Turiizimii
haala itti fayyadama mammaaksota ollummaa cimsuuf qabu beeksisuuf carraaqqii osoo godhe
gaariidha. Akkasumas, Waajjirri Aadaaf Turiizimiifi hawaasni qabiyyeewwan mammaaksota
kanneenii waliin jireenya Ollaafi ollummaa keessatti jaalalli, nageenyiifi tasgabbiin akka
jiraatu waan taasisuuf, uummanni caalaatti hubatee akka itti gargaaramu hubannoo uumuu,
kitaabilee barnootaa keessatti mammaksonni ollaafi ollummaa cimsan akka hammataman
qaama barnootaa kan ta’an waliin carraaqqii osoo taasisanii gaariidha.