dc.description.abstract |
Qorannoon kun asoosama Isaayyaas Hordofaatiin barreeffame „Yoomi Laataa?‟ kan jedhu ija
yaaxxina seenawaatiin xiinxaluu irraatti kan xiyyeeffateedha. Kaayyoon gooroo qorannoo
kanaas, asoosama Yoomi Laataa? Ija yaaxxina senawaatiin xiinxaluudha. Malli qorannoo
kanaas mala qorannoo akkamtaa yemmuu ta‟u, odeeffannoowwan argaman mala akkamtaan
ibsamanii jiru. Asoosamicha xiinxaluuf sakattaa‟a dookumentii akka meeshaa funaansa ragaatti
dhimmi itti bahameera. Odeeffannoowwan mala kanaan argamanis akkataa gaaffilee bu‟uuraa
qorannichaa deebisuu danda‟anitti mataduree garaa garaatti caccabuun qaacceffamaniiru.
Haaluma kanaan, asoosamni Yoomi Laataa? yaadotaafi ta‟iinsoota bara mootummaa Atsee
Teedoroos hanga kufaatii mootummaa Dargiitti seenaa uummata Oromoo kaasuun bifa
qindaa‟aa taheen seeenaa dhugaa wabeeffachuun lafa kaa‟ee jira. Ummanni Oromoo bara
Atsee Tewodiroosii kaasee hanga mootummaa Dargiitti nagaa argatee hin beeku. Abbaan lafaa
immoo lafa isaa irraa buqqa‟ee, garbicha weerartootaa ta‟e. Warri gita bittaa kun lafa fudhate
sana irra Oromoota jiraatan yoo barbaadan hidhuu, reebuu, ajjeesuu fi lafa sana iraa ari'uuf
mirgi akka kennameef hubatamee jira. Kana malees, asoosamicha keessatti namfakkiiwwan
haala qabatamaa hawaasa keessa ture kan akka siyaasafi hacuuccaa jiru kan mormanfi kaneen
diina deeggaranii saba isaanii miidhan, sirna gita bittaa bakka bu‟uun hojii diinummaa
weerartootaa hojjatan, walitti hidhamiinsa dhabbilee qabsoo Oromoo(ABO)fi dhaabbilee
hidhannoon socho‟an kan saba biraafi Oromiyaa bakka bu‟uun haala yoomessa sana ibsuu
danda‟aniin bocamanii jiru. Dabalataanis, xiinxala ragaalee taasifameen dhimmoonni seenaa
dhugaa gama siyaas-diinagdee, bulchiinsaa, barnootaa, afaanii, qaroominaafi falaasama
uummata Oromoo keessa ture kan of-keessaa qabu ta'uun isaa hubatameera. |
en_US |