WelCome to Ambo University Institutional Repository!!

Xiinxala Asoosama ‘Imimmaan Hinqoorre’: Ija Yaaxxina Bifiyyeetiin

Show simple item record

dc.contributor.author Masarat, Baqqalaa
dc.date.accessioned 2025-01-03T06:39:48Z
dc.date.available 2025-01-03T06:39:48Z
dc.date.issued 2024-09
dc.identifier.uri http://hdl.handle.net/123456789/4195
dc.description.abstract Qorannoon kun xiinxala asoosama Imimmaan Hinqoorre ija yaaxina bifiyyeetiin jedhurratti xiyyeeffachuun kan gaggeeffamedha. Kaayyoon qorannichaas asoosama Imimmaan Hinqoorree ija yaaxina bifiyyeen xiinxaluudha. Saxaxni qorannoo kanaa saxaxa akkamtaa yoo ta‟u, madda raga tokkoffaatti dhimma bahameera.Maddi raga kunis kitaaba asoosama Imimmaan Hinqoorredha. Tooftaan iddatteessuu dhimma itti bahame mala miti carraa akkaayyooti. Meeshaaleen funaansa ragaa xiinxala kuufataati. Kunis kitaaba asoosama Imimmaan Hinqoorre gadi fageenyaan dubbisuun ragaaleen gaaffilee bu‟uuraa deebisuu danda‟an funaannamuun xiinxalamaniiru. Xiinxala ragaalee irratti hundaa‟uun argannoon bira gahamanis: Qindoomina caacculee asoosama Imimmaan Hinqoorre keessatti dhimma itti bahame jaargochiifi caasaaleen jaargochaa saaxilli, tuqatni, bantii miirri, sigigniifi furmaatni, namfakkiiwwan marsaa, diriiraa, gaarii, namfakkii yaraafi namfakkiin muummichaa, waldiddaan namaafi sammuu isaa, namaafi nama gidduutti, waldiddaan namfakkiifi uumaa gidduutti raawwataman, kallatti seenessuu ija waan hunda beekaaniifi yoomessi bifa qindaa‟ina qabuun kan dhimma itti bahaman ta‟uun bira gahameera. Malleen barruu bal‟inaan asoosama kana keessatti dhimma itti bahaman: addeessa, hima egeree, duubdeebii, waliin dubbiifi ofiin dubbiitti gargaaramuun seeneffamni asoosamichaa kan dhiyaateefi malleen dubbii asoosama kana keessatti dhimma itti bahaman:akkasaa, iddeessa, habalaka, nameessa, miteyyeefi mallattummaa itti akka dhimma bahamaniifi bifa miidhagina hojii ogbarrichaa dabaleen akka dhiyaate bira gahuun danda‟ameera. en_US
dc.language.iso ao en_US
dc.publisher Yuunivarsiitii Amboo en_US
dc.subject Xiinxala en_US
dc.subject Imimmaan Hinqoorre en_US
dc.subject Ija Yaaxxina en_US
dc.title Xiinxala Asoosama ‘Imimmaan Hinqoorre’: Ija Yaaxxina Bifiyyeetiin en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search AmbouIR


Advanced Search

Browse

My Account