Abstract:
Qorannoon kun xiinxala asoosama Imimmaan Hinqoorre ija yaaxina bifiyyeetiin jedhurratti
xiyyeeffachuun kan gaggeeffamedha. Kaayyoon qorannichaas asoosama Imimmaan Hinqoorree
ija yaaxina bifiyyeen xiinxaluudha. Saxaxni qorannoo kanaa saxaxa akkamtaa yoo ta‟u, madda
raga tokkoffaatti dhimma bahameera.Maddi raga kunis kitaaba asoosama Imimmaan
Hinqoorredha. Tooftaan iddatteessuu dhimma itti bahame mala miti carraa akkaayyooti.
Meeshaaleen funaansa ragaa xiinxala kuufataati. Kunis kitaaba asoosama Imimmaan
Hinqoorre gadi fageenyaan dubbisuun ragaaleen gaaffilee bu‟uuraa deebisuu danda‟an
funaannamuun xiinxalamaniiru. Xiinxala ragaalee irratti hundaa‟uun argannoon bira
gahamanis: Qindoomina caacculee asoosama Imimmaan Hinqoorre keessatti dhimma itti
bahame jaargochiifi caasaaleen jaargochaa saaxilli, tuqatni, bantii miirri, sigigniifi furmaatni,
namfakkiiwwan marsaa, diriiraa, gaarii, namfakkii yaraafi namfakkiin muummichaa,
waldiddaan namaafi sammuu isaa, namaafi nama gidduutti, waldiddaan namfakkiifi uumaa
gidduutti raawwataman, kallatti seenessuu ija waan hunda beekaaniifi yoomessi bifa qindaa‟ina
qabuun kan dhimma itti bahaman ta‟uun bira gahameera. Malleen barruu bal‟inaan asoosama
kana keessatti dhimma itti bahaman: addeessa, hima egeree, duubdeebii, waliin dubbiifi ofiin
dubbiitti gargaaramuun seeneffamni asoosamichaa kan dhiyaateefi malleen dubbii asoosama
kana keessatti dhimma itti bahaman:akkasaa, iddeessa, habalaka, nameessa, miteyyeefi
mallattummaa itti akka dhimma bahamaniifi bifa miidhagina hojii ogbarrichaa dabaleen akka
dhiyaate bira gahuun danda‟ameera.