WelCome to Ambo University Institutional Repository!!

Xiinxala Asoosama Dheeraa Caba Cabaan Cabee Seenaa Ta’e

Show simple item record

dc.contributor.author Kabbadaa, Saffisaa
dc.date.accessioned 2024-10-24T11:18:13Z
dc.date.available 2024-10-24T11:18:13Z
dc.date.issued 2024-06
dc.identifier.uri http://hdl.handle.net/123456789/4029
dc.description.abstract Qorannoon kun asoosama Caba Cabaan Cabee Seenaa Ta‟e yaaxxina seenawaatiin xiinxaluurratti kan xiyyeeffate yemmuu ta‟u, ka‟umsi qorannoo kanaa asoosama Caba Cabaan Cabee Seenaa Ta‟e keessatti dhimmoota hawaaasummaa adda addaa asoosaan barruu isaa keessatti dhimma itti ba‟e addaan baasanii beekuufi beeksisuun barbaachisaa waan ta‟eefidha. Kaayyoon gooroo qorannoo kanaas asoosama dheeraa Caba Cabaan Cabee Seenaa Ta‟e yaaxxina seenawaatiin xiinxaluudha. Ragaalee akkamtaa mala xiinxala barruutiin argaman garee gareetti qooduun akkaataa qabiyyee xiinxalaaf adda ba‟aniin kitaabicha dubbisuun yaada bu‟uuraa yaaxxina seenawaatiin dhiyaatan bu‟uureffachuun haala gaaffilee qorannichaa deebisuu danda‟anitti xiinxalamee deebiin kennameera.Qabiyyee asoosamichaa keessaa ragaalee funaanaman, keessattuu muuxannoo barreessaan dhimmoota hawaasummaa adda addaa bara 1874 kaasee hanga 2012 A. L.H tti jiru gama aadaa, duudhaan amantiin, xiinsammuun, barnootaafi safuun dhiibbaa Ummaata Oromoo irra ga‟aa ture xiinxalamee kan dhiyaatedha. Kana malees, asoosamicha keessatti namfakkiiwwan akkamitti akka bocamaniifi barreessaan ogbarrichaa dhugaa qabatamaa hawaasa keessa jiru haala deeggaruu moo haala mormuun dhiyeesse gaaffilee jedhaman xiinxalamanii ibsamaniiru. Qorannoo kana keessatti dhimmoonni gaaffilee qorannichaa deebisuuf kitaabicha gadi fageenyaan dubbisuu, ragaaleen funaaname mata duree mata dureen tartiibeffamee garee gareetti qooduun xiinxaluun dhiyaataniiru. Argannoowwan qorannichaa aadaa, duudhaa,amantii, xiinsammuu,siyaasaafi safuun Oromoo mootummoota darbaniin miidhaamaafi badaa tureera. Seenaa asoosanichaa keesatti namfakkiiwwan akka dararaa ummaata Oromoo agarsiisanitti, qoqqooddii Oromoo agarsiisanittiifi ummanni Oromoo dabarsanii diinatti walkennanitti fakkeeffamee bocameera. Kana malees, amantii Oromoo waaqeaffannaa gachisiisuun kan saba biraa fudhachiisuu, bakka waaqeffannaa Oromoo bataskaana dhaalchisuufi ajjeechaan Oromoo akkuma yeroo Hayila Sillaaseefi Dargii kan hindhaabbanne ta‟uu barreesaaan asoosama kanaa haala mormiin agarsiiseera. Akkasumas yaboon kaa‟ameera en_US
dc.language.iso ao en_US
dc.publisher Yunivarsiitii Amboo en_US
dc.subject Xiinxala en_US
dc.subject Asoosama Dheeraa en_US
dc.subject Caba en_US
dc.title Xiinxala Asoosama Dheeraa Caba Cabaan Cabee Seenaa Ta’e en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search AmbouIR


Advanced Search

Browse

My Account