Abstract:
Qorannoon kun asoosama Caba Cabaan Cabee Seenaa Ta‟e yaaxxina seenawaatiin
xiinxaluurratti kan xiyyeeffate yemmuu ta‟u, ka‟umsi qorannoo kanaa asoosama Caba
Cabaan Cabee Seenaa Ta‟e keessatti dhimmoota hawaaasummaa adda addaa asoosaan
barruu isaa keessatti dhimma itti ba‟e addaan baasanii beekuufi beeksisuun
barbaachisaa waan ta‟eefidha. Kaayyoon gooroo qorannoo kanaas asoosama dheeraa
Caba Cabaan Cabee Seenaa Ta‟e yaaxxina seenawaatiin xiinxaluudha. Ragaalee
akkamtaa mala xiinxala barruutiin argaman garee gareetti qooduun akkaataa qabiyyee
xiinxalaaf adda ba‟aniin kitaabicha dubbisuun yaada bu‟uuraa yaaxxina seenawaatiin
dhiyaatan bu‟uureffachuun haala gaaffilee qorannichaa deebisuu danda‟anitti
xiinxalamee deebiin kennameera.Qabiyyee asoosamichaa keessaa ragaalee funaanaman,
keessattuu muuxannoo barreessaan dhimmoota hawaasummaa adda addaa bara 1874
kaasee hanga 2012 A. L.H tti jiru gama aadaa, duudhaan amantiin, xiinsammuun,
barnootaafi safuun dhiibbaa Ummaata Oromoo irra ga‟aa ture xiinxalamee kan
dhiyaatedha. Kana malees, asoosamicha keessatti namfakkiiwwan akkamitti akka
bocamaniifi barreessaan ogbarrichaa dhugaa qabatamaa hawaasa keessa jiru haala
deeggaruu moo haala mormuun dhiyeesse gaaffilee jedhaman xiinxalamanii ibsamaniiru.
Qorannoo kana keessatti dhimmoonni gaaffilee qorannichaa deebisuuf kitaabicha gadi
fageenyaan dubbisuu, ragaaleen funaaname mata duree mata dureen tartiibeffamee
garee gareetti qooduun xiinxaluun dhiyaataniiru. Argannoowwan qorannichaa aadaa,
duudhaa,amantii, xiinsammuu,siyaasaafi safuun Oromoo mootummoota darbaniin
miidhaamaafi badaa tureera. Seenaa asoosanichaa keesatti namfakkiiwwan akka
dararaa ummaata Oromoo agarsiisanitti, qoqqooddii Oromoo agarsiisanittiifi ummanni
Oromoo dabarsanii diinatti walkennanitti fakkeeffamee bocameera. Kana malees,
amantii Oromoo waaqeaffannaa gachisiisuun kan saba biraa fudhachiisuu, bakka
waaqeffannaa Oromoo bataskaana dhaalchisuufi ajjeechaan Oromoo akkuma yeroo
Hayila Sillaaseefi Dargii kan hindhaabbanne ta‟uu barreesaaan asoosama kanaa haala
mormiin agarsiiseera. Akkasumas yaboon kaa‟ameera