dc.description.abstract |
Kaayyoon bu’uuraa qorannoo kanaa Afwalaloowwan Sirba hiyyaasee xiinxaluudha. Ka’umsa
qorannoo kanaaf sababoonni gurguddoon: qorataan ijoollummaarraa eegalee dhaggeeffataa
waan guddateef jaalalli sirbichaaf qabu guddaa ta’uufi sirbi Hiyyaasee qoratame caalaatti
bu’aa hawaasa Oromoo maraa ta’uun amanamuudha. Gosti qorannoo dhimma itti ba’ames
qorannoo akkamtaa yoo ta’u, Iddattoowwan madda ragaalee qorannoo kanaa ta’uun adda
ba’anis, mala iddatteessuu akkayyoofi darbaa dabarsaan filatamaniiru. Kana malees, ragaaleen
qorannoo kanaaf barbaachisan maddoota ragaa tokkoffaarraa guuramuun xiinxala qorannoo
kanaaf oolaniiru. Ragaalee qorannoo kanaaf madda ta;’uu danda’an guuruufis malleen
funaansa ragaa afgaaffiifi marii gareetti dhimma ba’ameera. Ragaaleen walitti qabamanis
qorannoo akkamtaa keessaa mala ibsaatti fayyadamuun, jechaan xiinxalamaniiru. Gama
biraatiin, qorannoo kana galmaan ga’uuf yaadxiina akkaatummaatti dhimma ba’ameera. Akka
qorannoo kanaan bira ga’ametti Sirbi hiyyaasee sirba yoomessa garaa garaa keessatti dhiyaatu
ta’ee, ergaawwan darbanis, yoomessuma sanaan daanga’uu akka danda’an mirkanaa’eera.
Ergaawwan sirbichaan darbanis, gamtaan dhimma tokkotti bobba’uu yaadrimee jedhu waan
qabaniif sirboota aadaa Oromoo kanneen biroorraa adda ta’ee mul’ata. Ergaawwan sirba
hiyyaaseetiin darbanis: jaalala ibsuuf, miira gammachuu ibsachuuf, tokkummaa jabeessuuf,
roorroo mormuuf, dinagdee ijaaruuf, lolaaf qophaa’uuf, xiiqiifi cichoomina barsiisuuf, jila
ayyaanota adda addaa ho’isuuf, aartii shaakalsiisuuf, cidha ho’isuuf, bashannasiisuuf, obsa
barsiisuuf, qeequuf, gootummaa jabeessuuf, eenyummaa ijaaruufi k.k.f. dha. Kana malees, sirba
hiyyaasee keessatti jechoota akka: hiyyoo, lulee, maroo, shittoo, kukummaa, ruudaafi k.k.fa’itti
dhimma bahuun filannoon jechootaa midhagina walalichaa kan mirkaneessu ta’ee mul’ateera.
Akkasumas, marmaarsi sadarkaa sagaleefi walfakkeenyi birsagaa irra caalaatti kan mul’atan
bo’oo walaloo gara dhumaatti akka ta’es mirkanaa’eera. kana malees, marmaarsi sagalee
dubbachiiftuu (assonance)fi dubbifamaa (alliteration) jalqaba, gidduufi dhuma bo’oo
walaloorratti argaman ergaa darbuuf xiyyeeffannoon akka kennamu gumaachaniiru. Sirbi akka
qabeenya gati-jabeessatti ilaalamu kun akka hinbanne; hindagatamneef qaamni dhimmi
ilaallatu hundi dhaloota itti aanuuf akka darbu irratti hojjechuu qabu. |
en_US |