WelCome to Ambo University Institutional Repository!!

Xiinxala Rakkoolee Keeyyata Afaan Oromoottin Bareessuu Keessatti Barattoonni Kutaa 7ffaa Uuman (Mana Barumsaa Awwaroo Sadarkaa Tokkaffaarratti Kan Xiyyeeffate.)

Show simple item record

dc.contributor.author Ayinee, Fayyeeraa
dc.date.accessioned 2024-05-29T11:14:41Z
dc.date.available 2024-05-29T11:14:41Z
dc.date.issued 2023-06
dc.identifier.uri http://hdl.handle.net/123456789/3627
dc.description.abstract Kayyoon gooroo qorannoo kanaa rakkoolee keeyyataa Afaan Oroomootiin barreesuu keessatti barattoonni mana barumsaa Awwaaroo sadarkaa 1ffaa kutaa 7 uuman xiinxaluudha.Qorannoon kun mala qorannoo akkamtaafi ammamtaan dhimma ba’amuun geggeffame.Maddii ragaa qorannoo kanaas madda ragaa tokkooffaadha. Isaanis, barsiisootaafi barattoota mana barumsaa Awwaaroo sadarkaa 1ffaadha.Qorannoo kana keessatti mala iddatteessuu carraafi miti carraan hojii irra ooleera.Ragaaleen funaanamanis, mala makaan xiinxalamanii jiru.Argannoowwan qorannoo kanaa,barattoonni hedduun keeyyata barreessuu keessatti rakkoolee kannee akka sirna tuqaalee iddoo barbaachisaa ta’etti fayyadamuu dhabuu, qubguddeessa sirnaan faayyadamuu dhabuu, yaada maddisiisuu dadhabuu,hanqina sirnaan qubeessuu,keeyyata barreessuu duraa gumee qopheeffachuu dhabuu,qindeessanii barreessuufi rakkoolee kkf, adda bahaniiru.Maddi rakkoolee kanaas barattoonni shaakalaafi fedhii keeyyata barreessuu dhabuu, yeroo keeyyata barreessan (shaakalan) xiyyeeffannoo kennuu dhiisuufi barattoonni mana barnootaa sadarkaa gadaanaatti seeraan barsiifamuu dhabuu,lakkoofsi barattoota daree tokko keessatti argaman baay’achuu irraa kan ka’e tokko tokkoo barattootaaf yaada sirreeffamaa kennuun rakkisaa ta’uu,barsiisonni xiyyeeffannoon irratti hojjechuu dhabuu,haalli kitaabni barattootaa itti qophaa’e barattoota waliin walsimuufi ifa ta’uu dhabuu,hubannoo dogoggoraa Afaan Oromoo beekna jechuun barattoonni kutaa gadiitti sirnaan osoo hinshaakaliin dhufuu fa’a akka ta’e bira gahameera.Furmaanni rakkoolee kanaas,barsiisonni sadarkaa tokkoffaa keessatti Afaan Oromoo barsiisaa jiran dhimmamuun yeroo barattoonni keeyyata barreessuu shaakalan akka fedhii qabaatanii barreessan jajjabeessuufi kakaasuu, akkasumas,lakkoofsi barattoota sadarkaa tokkoffaa daree tokko keessatti baratan kan madalame gochuu, yeroo shaakala keeyyata barreessuu barsiisonni yaad deebii kennuu,barattoonni yeroo keeyyata barreessuu shaakalan rakkoo uumamuuf dhimma dhabuu dhiisuun xiyyeeffannoo kennuudha. Kanaaf,barsiisonni Afaan Oromoo barsiisan shaakala keeyyata barreessuu barattoonni taasisan irratti yaaddeebii sirriifi ijaaraa ta’e kennuun maddota rakkoolee keeyyata barreessuu dhabamsiisuudhaaf gahee qaban beekanii osoo hojiirraa oolchanii gaariidha. en_US
dc.language.iso en en_US
dc.publisher Yunivarsiitii Amboo en_US
dc.subject Xiinxala en_US
dc.subject Rakkoolee Keeyyata en_US
dc.subject Mana Barumsaa Awwaroo en_US
dc.title Xiinxala Rakkoolee Keeyyata Afaan Oromoottin Bareessuu Keessatti Barattoonni Kutaa 7ffaa Uuman (Mana Barumsaa Awwaroo Sadarkaa Tokkaffaarratti Kan Xiyyeeffate.) en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search AmbouIR


Advanced Search

Browse

My Account