Abstract:
Kayyoon gooroo qorannoo kanaa rakkoolee keeyyataa Afaan Oroomootiin barreesuu keessatti
barattoonni mana barumsaa Awwaaroo sadarkaa 1ffaa kutaa 7 uuman xiinxaluudha.Qorannoon
kun mala qorannoo akkamtaafi ammamtaan dhimma ba’amuun geggeffame.Maddii ragaa
qorannoo kanaas madda ragaa tokkooffaadha. Isaanis, barsiisootaafi barattoota mana
barumsaa Awwaaroo sadarkaa 1ffaadha.Qorannoo kana keessatti mala iddatteessuu carraafi
miti carraan hojii irra ooleera.Ragaaleen funaanamanis, mala makaan xiinxalamanii
jiru.Argannoowwan qorannoo kanaa,barattoonni hedduun keeyyata barreessuu keessatti
rakkoolee kannee akka sirna tuqaalee iddoo barbaachisaa ta’etti fayyadamuu dhabuu,
qubguddeessa sirnaan faayyadamuu dhabuu, yaada maddisiisuu dadhabuu,hanqina sirnaan
qubeessuu,keeyyata barreessuu duraa gumee qopheeffachuu dhabuu,qindeessanii barreessuufi
rakkoolee kkf, adda bahaniiru.Maddi rakkoolee kanaas barattoonni shaakalaafi fedhii keeyyata
barreessuu dhabuu, yeroo keeyyata barreessan (shaakalan) xiyyeeffannoo kennuu dhiisuufi
barattoonni mana barnootaa sadarkaa gadaanaatti seeraan barsiifamuu dhabuu,lakkoofsi
barattoota daree tokko keessatti argaman baay’achuu irraa kan ka’e tokko tokkoo barattootaaf
yaada sirreeffamaa kennuun rakkisaa ta’uu,barsiisonni xiyyeeffannoon irratti hojjechuu
dhabuu,haalli kitaabni barattootaa itti qophaa’e barattoota waliin walsimuufi ifa ta’uu
dhabuu,hubannoo dogoggoraa Afaan Oromoo beekna jechuun barattoonni kutaa gadiitti
sirnaan osoo hinshaakaliin dhufuu fa’a akka ta’e bira gahameera.Furmaanni rakkoolee
kanaas,barsiisonni sadarkaa tokkoffaa keessatti Afaan Oromoo barsiisaa jiran dhimmamuun
yeroo barattoonni keeyyata barreessuu shaakalan akka fedhii qabaatanii barreessan
jajjabeessuufi kakaasuu, akkasumas,lakkoofsi barattoota sadarkaa tokkoffaa daree tokko
keessatti baratan kan madalame gochuu, yeroo shaakala keeyyata barreessuu barsiisonni yaad deebii kennuu,barattoonni yeroo keeyyata barreessuu shaakalan rakkoo uumamuuf dhimma
dhabuu dhiisuun xiyyeeffannoo kennuudha. Kanaaf,barsiisonni Afaan Oromoo barsiisan
shaakala keeyyata barreessuu barattoonni taasisan irratti yaaddeebii sirriifi ijaaraa ta’e
kennuun maddota rakkoolee keeyyata barreessuu dhabamsiisuudhaaf gahee qaban beekanii
osoo hojiirraa oolchanii gaariidha.