WelCome to Ambo University Institutional Repository!!

Xiinxala Itti Fayyadama Ogafaanii kitaaba Asoosama Dukkana Barii Jalaa

Show simple item record

dc.contributor.author Abbabach, Sisaay
dc.date.accessioned 2024-03-07T10:48:20Z
dc.date.available 2024-03-07T10:48:20Z
dc.date.issued 2023-06
dc.identifier.uri http://hdl.handle.net/123456789/3516
dc.description.abstract Qorannoon kun xiinxala itti fayyadama og-afaan kitaaba asoosamaa Dukkana Barii Jalaa irratti kan xiyyeeffate yemmuu ta‟u, kaayyoon qorannichaas itti fayyadama og-afaanii asoosama Dukkana Barii Jalaa xiinxaludha.Qorattuun kunis akkaataa itti fayyadama og-afaanii kitaabicha keessa jiru ilaalchisee og-afaan jiran xiinxaluu, yemmuu ta‟u, gosoota og- afaanii asoosamicha keessa jiru, haala barreessaan og-afaaniitti fayyadamee barreesse ilaaluufi filannoo jechoota achi keessatti argaman addaan baasuun xiinxalamera.Malli qorannoo kanaa, mala akkamtaa yoo ta‟u mala xinxala barruutti fayyadamuun ragaan xiinxalameera. Malli iddatteessuu dhimma itti bahame ammoo mala miti carraa keessaa mala iddattoo akkaayyooti Haaluma kanaan, Odeeffannoo mala sakata‟iinsa kitaabatiin funaaname.afooloota kitaabicha kana keessatti argamanirratti kan xiyyeeffateedha. Kitaabicha fuula jalqabaa irraa kaasuun hanga dhumaatti kan sakatta‟ame yoo ta‟u, erga ragaa barbaachisaa ta‟e kitaabicha keessaa qorattuun funaannate booda haala walfakkeenya isaaniitiin mata duree garaagaraa jalatti qoqqooduun xiinxalameera. Dhuma irratti ragaalee argaman irratti hundaa‟uudhaan argannoon armaan gadii bira gahameera: barreessaan kun rakkoolee hawaas-dinagdee keessa jiru gadi fageenyaan afoolaatti gargaaramee kan baase ta‟uu, dhiibbaa hawaasummaan shamarran baay‟ee irratti gama qoccolloo saalaatiin rakkoon kan gahu ta‟uu asoosamicha keessatti ibseera, gosoonni afoolaa ibsamanis kanneen akka mammaaksa, abaarsa, eebba, malleen dubbii, weedduufi faaruuleen garaagaraa kan keessatti hammataman ta‟uu qorattuun kun bira geesseeti. Akka yaboottis xiyyeeffannoo olaanaan itti kennamee afoolatti gargaaramuun barreessuun og-afaan sun barreeffamaan akka taa‟uufi walitti dhufeenyi afoolaafi og-barruu barreeffamaa gidduu jiru ilaaluuf faayidaa olaanaa waan qabuuf, barreessitoonni biros fuulduratti xiyyeeffannoo akka itti kennaniif akka yabootti taa‟ee jira en_US
dc.language.iso ao en_US
dc.publisher Yunivarsiitii Amboo en_US
dc.subject Xiinxala en_US
dc.subject Asoosama en_US
dc.subject Barii en_US
dc.title Xiinxala Itti Fayyadama Ogafaanii kitaaba Asoosama Dukkana Barii Jalaa en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search AmbouIR


Advanced Search

Browse

My Account