Abstract:
Qorannoon kun xiinxala itti fayyadama og-afaan kitaaba asoosamaa Dukkana Barii Jalaa
irratti kan xiyyeeffate yemmuu ta‟u, kaayyoon qorannichaas itti fayyadama og-afaanii
asoosama Dukkana Barii Jalaa xiinxaludha.Qorattuun kunis akkaataa itti fayyadama og-afaanii
kitaabicha keessa jiru ilaalchisee og-afaan jiran xiinxaluu, yemmuu ta‟u, gosoota og- afaanii
asoosamicha keessa jiru, haala barreessaan og-afaaniitti fayyadamee barreesse ilaaluufi
filannoo jechoota achi keessatti argaman addaan baasuun xiinxalamera.Malli qorannoo kanaa,
mala akkamtaa yoo ta‟u mala xinxala barruutti fayyadamuun ragaan xiinxalameera. Malli
iddatteessuu dhimma itti bahame ammoo mala miti carraa keessaa mala iddattoo akkaayyooti
Haaluma kanaan, Odeeffannoo mala sakata‟iinsa kitaabatiin funaaname.afooloota kitaabicha
kana keessatti argamanirratti kan xiyyeeffateedha. Kitaabicha fuula jalqabaa irraa kaasuun
hanga dhumaatti kan sakatta‟ame yoo ta‟u, erga ragaa barbaachisaa ta‟e kitaabicha keessaa
qorattuun funaannate booda haala walfakkeenya isaaniitiin mata duree garaagaraa jalatti
qoqqooduun xiinxalameera. Dhuma irratti ragaalee argaman irratti hundaa‟uudhaan
argannoon armaan gadii bira gahameera: barreessaan kun rakkoolee hawaas-dinagdee keessa
jiru gadi fageenyaan afoolaatti gargaaramee kan baase ta‟uu, dhiibbaa hawaasummaan
shamarran baay‟ee irratti gama qoccolloo saalaatiin rakkoon kan gahu ta‟uu asoosamicha
keessatti ibseera, gosoonni afoolaa ibsamanis kanneen akka mammaaksa, abaarsa, eebba,
malleen dubbii, weedduufi faaruuleen garaagaraa kan keessatti hammataman ta‟uu qorattuun
kun bira geesseeti. Akka yaboottis xiyyeeffannoo olaanaan itti kennamee afoolatti gargaaramuun
barreessuun og-afaan sun barreeffamaan akka taa‟uufi walitti dhufeenyi afoolaafi og-barruu
barreeffamaa gidduu jiru ilaaluuf faayidaa olaanaa waan qabuuf, barreessitoonni biros
fuulduratti xiyyeeffannoo akka itti kennaniif akka yabootti taa‟ee jira