WelCome to Ambo University Institutional Repository!!

Xiinxala Dhihaannaa Gilgaalota Seerlugaa Kitaaba Barataa Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa Keessatti

Show simple item record

dc.contributor.author Maskaram, Bayyanaa
dc.date.accessioned 2024-01-26T06:14:33Z
dc.date.available 2024-01-26T06:14:33Z
dc.date.issued 2023-10
dc.identifier.uri http://hdl.handle.net/123456789/3409
dc.description.abstract Kaayyoon qorannoo kanaa haala dhihaannaa gilgaalota seerlugaa kitaaba barataa Afaan Oromoo kutaa 11ffaa xiinxaluudha. Saxaxnii qorannoo kanaa gosoota qorannoo jiran keessaa qorannoo makoo yoo ta’u, saxaxni isaas qorannoo ibsaadha. Galma ga’iinsa kaayyichaatiif barsiisonni saddeet manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa Afur irraa mala qorannoo akkayyaatiin filatamanii iddatteeffamanii jiru. Iddattoolee kanneen irraa odeeffannoon kan funaannamee ammoo, meeshaalee funaansa ragaatiif oolan keessaa afgaaffiitiin dhimma bahame jira. Ragaan inni biroo ammoo kitaaba barataa Afaan Oromoo kan kutaa 11ffaa bara 2005 maxxanfame sakatta’ame jira. Ragaan argame mala qorannoo akkamtaafi ammamtaatiin qaacceeffamee ibsamee jira. Ragaa kana irraas wanti hubatame dhihaannaan gilgaala seerlugaa kitaaba barataa Afaan Oromoo kutaa 11ffaa haalli dhihaannaa gilgaalota seerlugaa fakkeenya gahaafi yaadannoo gabaabaa gilgaalota ifa taasisuu danda’u dhabuu, akkasumas duraa duubaan yookiin salphaa irraa gara cimaatti, tartiibaan dhiheessuu irratti xiyyeeffannoon kan itti hin kennamne ta’uu hubatamee jira. Kanarraa kan ka’e, dhihaannaan gilgaalota seerlugaa kitaaba kana keessa jirankan barattootaa haala gaariin hirmaachisuufi huba chisuu gilgaalota seerlugaa dammaqinaan akka baratan kan taasisuu miti. Dhihaannaan gilgaalota seerlugaa kitaaba barataa Afaan Oromoo kutaa 11ffaa boqonnaalee kudha torba(17 )dhihaatan keessaa gilgaalonni seerlugaa boqonnaa kudha afur (14) qofa keessatti dhihaate jira. Gilgaalonni dhihaatan kunneenis ibsa gahaafi fakkeenya bal’aa qabaachuu akka qabaatan akkasumas,gilgaalonni seerlugaa duraa duuba eeganii akka dhihaatan,dabalataan dandeettii barattootaa giddu galeffate gochuun hanqinoota jiran adda baasanii hubachuun gara fuula duraaf qopheessitonni meeshaalee barnootaa qopheessan irra deeddebi’uudhaan akka foyyeessan yaboo keessatti ibsamaniiru. en_US
dc.language.iso en en_US
dc.publisher Yunivarsiitii Amboo en_US
dc.subject Xiinxala en_US
dc.subject Gilgaalota en_US
dc.subject Seerlugaa en_US
dc.title Xiinxala Dhihaannaa Gilgaalota Seerlugaa Kitaaba Barataa Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa Keessatti en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search AmbouIR


Advanced Search

Browse

My Account