Abstract:
Kaayyoon qorannoo kanaa haala dhihaannaa gilgaalota seerlugaa kitaaba barataa Afaan
Oromoo kutaa 11ffaa xiinxaluudha. Saxaxnii qorannoo kanaa gosoota qorannoo jiran
keessaa qorannoo makoo yoo ta’u, saxaxni isaas qorannoo ibsaadha. Galma ga’iinsa
kaayyichaatiif barsiisonni saddeet manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa Afur irraa mala
qorannoo akkayyaatiin filatamanii iddatteeffamanii jiru. Iddattoolee kanneen irraa
odeeffannoon kan funaannamee ammoo, meeshaalee funaansa ragaatiif oolan keessaa
afgaaffiitiin dhimma bahame jira. Ragaan inni biroo ammoo kitaaba barataa Afaan Oromoo
kan kutaa 11ffaa bara 2005 maxxanfame sakatta’ame jira. Ragaan argame mala qorannoo
akkamtaafi ammamtaatiin qaacceeffamee ibsamee jira. Ragaa kana irraas wanti hubatame
dhihaannaan gilgaala seerlugaa kitaaba barataa Afaan Oromoo kutaa 11ffaa haalli
dhihaannaa gilgaalota seerlugaa fakkeenya gahaafi yaadannoo gabaabaa gilgaalota ifa taasisuu
danda’u dhabuu, akkasumas duraa duubaan yookiin salphaa irraa gara cimaatti, tartiibaan dhiheessuu
irratti xiyyeeffannoon kan itti hin kennamne ta’uu hubatamee jira. Kanarraa kan ka’e,
dhihaannaan gilgaalota seerlugaa kitaaba kana keessa jirankan barattootaa haala gaariin
hirmaachisuufi huba chisuu gilgaalota seerlugaa dammaqinaan akka baratan kan taasisuu
miti. Dhihaannaan gilgaalota seerlugaa kitaaba barataa Afaan Oromoo kutaa 11ffaa
boqonnaalee kudha torba(17 )dhihaatan keessaa gilgaalonni seerlugaa boqonnaa kudha afur
(14) qofa keessatti dhihaate jira. Gilgaalonni dhihaatan kunneenis ibsa gahaafi fakkeenya
bal’aa qabaachuu akka qabaatan akkasumas,gilgaalonni seerlugaa duraa duuba eeganii
akka dhihaatan,dabalataan dandeettii barattootaa giddu galeffate gochuun hanqinoota
jiran adda baasanii hubachuun gara fuula duraaf qopheessitonni meeshaalee barnootaa
qopheessan irra deeddebi’uudhaan akka foyyeessan yaboo keessatti ibsamaniiru.