WelCome to Ambo University Institutional Repository!!

Xiinxala Itti Fayyadama Afaanii Asoosama ‘Rakkinni Haa Rakkatu’ Jedhu Keessatti

Show simple item record

dc.contributor.author Assallafech, Tsiggee
dc.date.accessioned 2024-01-26T06:03:12Z
dc.date.available 2024-01-26T06:03:12Z
dc.date.issued 2023-04
dc.identifier.uri http://hdl.handle.net/123456789/3404
dc.description.abstract Qorannoon kun mata-duree “Xiinxala itti fayyadama afaanii asoosama „Rakkinni Haa Rakkatu‟ jedhu irratti xiyyeeffatee kan gaggeeffamedha. Kaayyoon qorannoo kanaa inni gooroon itti fayyadama afaanii Asoosama „Rakkinni haa Rakkatu‟ keessatti argamu xiinxaluudha. Kaayyoo yaadame kana galmaan ga‟uufis mala qorannoo akkamtaatti dhimma bahameera. Mala qorannoo akkamtaa kana bu‟ura godhachuun qorattuun ragaalee hojii qorannichaatiif barbaachisan hunda kitaaba qorannichaaf filatame sakatta‟uun walitti qabattee jirti. Ragaalee haala kanaan funaannatte kanneenis mala qorannoo ibsaatti gargaaramuun qaaccessitee jirti. Gama kaaniin dhimmoota adda addaa hubachiisuuf jecha yaadoleefi filannoo jechootaa bakka barbaachisaatti galuun argaman tajaajila isaan qaban adda bahuun mala akkamtaafi ibsaatiin xiinxalamanii jiru. Haaluma kanaan bu‟aan xiinxala qorannoo kanaa akka mul‟isuttii malleen dubbii adda addaa gargaaramuun akkaataa qabiyyeefi ergaan barbaadaman hubatamaa ta‟anii darbuu danda‟anitti qindoomina olaanaadhaan ijaaramaniiru. Kana malees, barreessaan asoosamichaa yeroofi bakka barbaachisaa ta‟ee argametti itti fayyadama afaanii keessatti mammaaksa garaagaraatiin yaada dhokataa ta‟e ifoomsee ergaa bal‟aa ta‟e ittiin dabarsuu isaatu mul‟ata. Itti fayydama jechamootaatiinis haalli ittiin ergaan barbaadame darbe karaa dubbistootaaf ifa ta‟uun dhiyaachuun isaa xiinxala qorannichaa keessatti mul‟ateera en_US
dc.language.iso en en_US
dc.publisher Ambo University en_US
dc.subject Xiinxala en_US
dc.subject Fayyadama en_US
dc.subject Asoosama en_US
dc.title Xiinxala Itti Fayyadama Afaanii Asoosama ‘Rakkinni Haa Rakkatu’ Jedhu Keessatti en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search AmbouIR


Advanced Search

Browse

My Account