WelCome to Ambo University Institutional Repository!!

Xiinxala raawwannaalee Sirna Buttaa Qaluu: Oromoo Tuulamaa aanaa Muloo

Show simple item record

dc.contributor.author Fufaa, Abbabaa
dc.date.accessioned 2024-01-24T10:52:09Z
dc.date.available 2024-01-24T10:52:09Z
dc.date.issued 2023-12
dc.identifier.uri http://hdl.handle.net/123456789/3390
dc.description.abstract Kaayyoo gooroon qorannoo kanaa Sirna Buttaa Qaluu Oromoo Tuulamaa Aanaa Muloo xiinxaluudha. Kaayyoo kana galmaan ga’uuf malli qorannoo akkamtaa hojiirra kan oole yoo ta’u ragaaleen madda ragaa tokkoffaafi lammaaffaa irra funaanamaniiru. Maddi ragaa tokkoffaa haadholii, abbootiii Gadaa, jaarsolii biyyaafi kanneen iddatteeffaman irraa ragaalee afgaaffiifi marii gareen argamanidha. Maddi ragaa lammaaffaa immoo ragalee sakatta’a harshamee (galmeewwan) irraa argamaniidha. Ragaalee qorannichaa funaanuufis iddatteessuu miti carraa keessaa mala kaayyeffataafi darbaandabarsaatti dhimma bahame. Ragaaleen funaanaman kunis mala ragaa ibsaatiin xiinxalamaniiru. Akka ragaaleen qorannoo kanaa ibsanitti, gaheen hirmaattota Sirna Buttaa Qaluu: jaarsi hirkoo gorsuu, qadadduun luba jiidhaa irraa rifeensa aaduufi dhagna dhiquu, haati warraa gurra uruufi biqila cabsuu, foolleen sirbaan sirnicha ho’isuufi jila Buttaa eeguufi cifireen tumaa seeraa irratti hirmaachuudha. Adeemsi raawwii Sirna Buttaa Qaluu bakkaa sadiitti qoomamu. Isaanis qophiilee raawwii duraa, yeroo raawwiifi qophiilee raawwiin booda. Qophiileen raawwii duraa: bukkuu buqqifachuu, seera qorachuu, seera tumaa caffeerratti hirmaachuudha. Qophiileen yeroo raawwii: ukoo hidhachuu, gurra urachuu, dhugoo godhachuu, korma buttaa qaluu, komifachuu, dhagna qabachuudha. Raawwii sirnichaa booda immoo aangoo walitti dabarsuufi hojii ittifufuu akka ta’e hubatamera. Ergaan ogafaan sirna Buttaa Qaluu keessatti argamaniis: waaqa kadhachuufi galateeffachuu, Luba farsuu, amalli badaa hawaasa gidduutti akka itti hin fufne, Sirnichi milkiin akka xumuramu hawwuu, barri Gadaa quufa, mi’aa nagaa akka ta’u, tokkumaan akka jiraatu hawwuu akka ta’e hubatameera. Akka yaaad furmaataatti Biiroon Aadaafi Tuurizimii Aanaa Muloo sirna Buttaa Qaluu kunuunsuufi hubannoo namootaa gabbisuuf daran hojjachuu qabu. Qorattoonni addaa addaa sirna Buttaa Qaluu irratti qorannoo kanarra gadifageenya qabu osoo hojjechuu danda’anii gaarii ta’a. Duudhaa kana haala gaariin itti fufsiisuuf bifa ga’umsa qabuun kitaabilee barnootaa keessatti hammatamuun osoo barsiifamee gaarii ta’a. en_US
dc.language.iso en en_US
dc.publisher Yunivarsiitii Amboo en_US
dc.subject Xiinxala en_US
dc.subject Sirna Buttaa en_US
dc.subject Oromoo en_US
dc.title Xiinxala raawwannaalee Sirna Buttaa Qaluu: Oromoo Tuulamaa aanaa Muloo en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search AmbouIR


Advanced Search

Browse

My Account