Abstract:
Kaayyoo gooroon qorannoo kanaa Sirna Buttaa Qaluu Oromoo Tuulamaa Aanaa Muloo
xiinxaluudha. Kaayyoo kana galmaan ga’uuf malli qorannoo akkamtaa hojiirra kan oole yoo
ta’u ragaaleen madda ragaa tokkoffaafi lammaaffaa irra funaanamaniiru. Maddi ragaa
tokkoffaa haadholii, abbootiii Gadaa, jaarsolii biyyaafi kanneen iddatteeffaman irraa ragaalee
afgaaffiifi marii gareen argamanidha. Maddi ragaa lammaaffaa immoo ragalee sakatta’a
harshamee (galmeewwan) irraa argamaniidha. Ragaalee qorannichaa funaanuufis iddatteessuu
miti carraa keessaa mala kaayyeffataafi darbaandabarsaatti dhimma bahame. Ragaaleen
funaanaman kunis mala ragaa ibsaatiin xiinxalamaniiru. Akka ragaaleen qorannoo kanaa
ibsanitti, gaheen hirmaattota Sirna Buttaa Qaluu: jaarsi hirkoo gorsuu, qadadduun luba jiidhaa
irraa rifeensa aaduufi dhagna dhiquu, haati warraa gurra uruufi biqila cabsuu, foolleen sirbaan
sirnicha ho’isuufi jila Buttaa eeguufi cifireen tumaa seeraa irratti hirmaachuudha. Adeemsi
raawwii Sirna Buttaa Qaluu bakkaa sadiitti qoomamu. Isaanis qophiilee raawwii duraa, yeroo
raawwiifi qophiilee raawwiin booda. Qophiileen raawwii duraa: bukkuu buqqifachuu, seera
qorachuu, seera tumaa caffeerratti hirmaachuudha. Qophiileen yeroo raawwii: ukoo hidhachuu,
gurra urachuu, dhugoo godhachuu, korma buttaa qaluu, komifachuu, dhagna qabachuudha.
Raawwii sirnichaa booda immoo aangoo walitti dabarsuufi hojii ittifufuu akka ta’e hubatamera.
Ergaan ogafaan sirna Buttaa Qaluu keessatti argamaniis: waaqa kadhachuufi galateeffachuu,
Luba farsuu, amalli badaa hawaasa gidduutti akka itti hin fufne, Sirnichi milkiin akka xumuramu
hawwuu, barri Gadaa quufa, mi’aa nagaa akka ta’u, tokkumaan akka jiraatu hawwuu akka ta’e
hubatameera. Akka yaaad furmaataatti Biiroon Aadaafi Tuurizimii Aanaa Muloo sirna Buttaa
Qaluu kunuunsuufi hubannoo namootaa gabbisuuf daran hojjachuu qabu. Qorattoonni addaa
addaa sirna Buttaa Qaluu irratti qorannoo kanarra gadifageenya qabu osoo hojjechuu
danda’anii gaarii ta’a. Duudhaa kana haala gaariin itti fufsiisuuf bifa ga’umsa qabuun
kitaabilee barnootaa keessatti hammatamuun osoo barsiifamee gaarii ta’a.