WelCome to Ambo University Institutional Repository!!

Xiinxala Itti Fayyadama Afaanii Sirboota Galaanaa Gaaromsaa: „Sodaa Qawwee Hinqabnuufi Birraa Wal-Agarraa

Show simple item record

dc.contributor.author Margaa, Gaaddisaa
dc.date.accessioned 2023-12-27T07:13:42Z
dc.date.available 2023-12-27T07:13:42Z
dc.date.issued 2023-10
dc.identifier.uri http://hdl.handle.net/123456789/3288
dc.description.abstract Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa, itti fayyadama afaanii sirboota Galaanaa Gaaromsaa:Sodaa qawwee hin qabnuufi Birraa wal-agarra jedhu xiinxaluudha. Qorannoo kana gaggeessuuf dhimmoonni qorataa kakaasaan, qorannooleen sirboota Oromoo irratti itti fayyadama afaaniin gaggeeffaman muraasa ta‟uufi sirboota Galaanaa Gaaromsaa filataman irratti immoo gama kanaan kan hin hojjatamne ta‟uu isaatiifi sirboonni filataman hawaasaa biratti dhageettii guddaa qabaachuun isaati. Qorannoon kun gosa qorannoo akkamtaatti gargaaramuun kan adeemsifame yommuu ta‟u, saxaxa ibsaatiin ammo xiinxalameera. Malli iddatteessuu dhimma itti bahame mala iddatteessuu kaayyeeffataa (mit-carraa)ti. Maddii ragaa qorannoo kanaa madda ragaa tokkoffaati. Maddi ragaa tokkoffaa kunis, ragaawwan walaloo sirboota keessa jiran mala sakatta‟a dookumantiin gadi fageenyaan dubbisuun kan gaggeeffamedha. Argannoon qorannoo kanaas, xiinxala caaseffama walaloo sirboota filatamanii, walfudhannaa sagalootaa, walqixxummaa birsagootaafi safarri walaloon jiran ifoomeera. Akkasumas, malleen dubbii walaloo sirboota filatamanii akkasaa, iddeessaa, nameessaa, miteeyyeefi tuqseen akka argaman xiinxalamaniiru. Xiyyeeffannoon malleen dubbii kunneeniis alagaarraa of eeggachuu,amala dhugaa,daangaa obsaafi fakkeenya gootota darbanii adda baheera. Itti dabalees afoolaawwan akka mammaaksaa, jechamaafi cigoo ergaa isaan dabarsan waliin ifoomeera. Ergaan mammaaksaan ifoome, tola galata dhabe,qabsaa‟uu,yerootti fayyadamuu,gowwoomuu diduu,dharaan iyyachuufi gara kuteessa ta‟uudha. Gama jechamaan immoo kutannoo qabsaa‟otaa, basaastuu balaaleffachuu,tokkummaa cimsachuu,sirna gadaan buluu,dhugaan hojjachuufi aarsaa qabsoon gaafatu adda baheera. Ergaa cigoon darbeenis,hammeenya, yeroon falmachuu,amala dhugaafi gowwummaa balaaleffachuuu kan jedhu ifoomeera. Dhumarratti sirbi meeshaa dhimma hawaasaa kallatti garagaaan ibsuun tajaajilu ta'uu isaa beekuun itti fayyadama afaan isaaf dhaloonni,ogeessonni ilaallatu,artistoonnifi hayyoonni sadarkaa garagaraa irra jiran gaheen guddaatu irraa eegama en_US
dc.language.iso en en_US
dc.publisher Ambo University en_US
dc.subject Xiinxala Itti Fayyadama en_US
dc.subject Afaanii Sirboota en_US
dc.title Xiinxala Itti Fayyadama Afaanii Sirboota Galaanaa Gaaromsaa: „Sodaa Qawwee Hinqabnuufi Birraa Wal-Agarraa en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search AmbouIR


Advanced Search

Browse

My Account