Abstract:
Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa, itti fayyadama afaanii sirboota Galaanaa Gaaromsaa:Sodaa qawwee hin qabnuufi Birraa wal-agarra jedhu xiinxaluudha. Qorannoo kana gaggeessuuf dhimmoonni qorataa kakaasaan, qorannooleen sirboota Oromoo irratti itti fayyadama afaaniin gaggeeffaman muraasa ta‟uufi sirboota Galaanaa Gaaromsaa filataman irratti immoo gama kanaan kan hin hojjatamne ta‟uu isaatiifi sirboonni filataman hawaasaa biratti dhageettii guddaa qabaachuun isaati. Qorannoon kun gosa qorannoo akkamtaatti gargaaramuun kan adeemsifame yommuu ta‟u, saxaxa ibsaatiin ammo xiinxalameera. Malli iddatteessuu dhimma itti bahame mala iddatteessuu kaayyeeffataa (mit-carraa)ti. Maddii ragaa qorannoo kanaa madda ragaa tokkoffaati. Maddi ragaa tokkoffaa kunis, ragaawwan walaloo sirboota keessa jiran mala sakatta‟a dookumantiin gadi fageenyaan dubbisuun kan gaggeeffamedha. Argannoon qorannoo kanaas, xiinxala caaseffama walaloo sirboota filatamanii, walfudhannaa sagalootaa, walqixxummaa birsagootaafi safarri walaloon jiran ifoomeera. Akkasumas, malleen dubbii walaloo sirboota filatamanii akkasaa, iddeessaa, nameessaa, miteeyyeefi tuqseen akka argaman xiinxalamaniiru. Xiyyeeffannoon malleen dubbii kunneeniis alagaarraa of eeggachuu,amala dhugaa,daangaa obsaafi fakkeenya gootota darbanii adda baheera. Itti dabalees afoolaawwan akka mammaaksaa, jechamaafi cigoo ergaa isaan dabarsan waliin ifoomeera. Ergaan mammaaksaan ifoome, tola galata dhabe,qabsaa‟uu,yerootti fayyadamuu,gowwoomuu diduu,dharaan iyyachuufi gara kuteessa ta‟uudha. Gama jechamaan immoo kutannoo qabsaa‟otaa, basaastuu balaaleffachuu,tokkummaa cimsachuu,sirna gadaan buluu,dhugaan hojjachuufi aarsaa qabsoon gaafatu adda baheera. Ergaa cigoon darbeenis,hammeenya, yeroon falmachuu,amala dhugaafi gowwummaa balaaleffachuuu kan jedhu ifoomeera. Dhumarratti sirbi meeshaa dhimma hawaasaa kallatti garagaaan ibsuun tajaajilu ta'uu isaa beekuun itti fayyadama afaan isaaf dhaloonni,ogeessonni ilaallatu,artistoonnifi hayyoonni sadarkaa garagaraa irra jiran gaheen guddaatu irraa eegama