WelCome to Ambo University Institutional Repository!!

Xiinxala Ergaa Sirba Ayyaana Masqalaa: Akka Godina Shawaa Lixaa Aanaa Ambootti.

Show simple item record

dc.contributor.author Masarat, Ittafaa
dc.date.accessioned 2023-12-19T08:03:55Z
dc.date.available 2023-12-19T08:03:55Z
dc.date.issued 2023-06
dc.identifier.uri http://hdl.handle.net/123456789/3239
dc.description.abstract Mata dureen qorannoo kanaa Xiinxala Ergaa Sirba Masqalaa Oromoo Aanaa Amboo kan jedhudha. Kanaaf, kaayyoon qorannoo kanaa ergaa sirba masqalaa Oromoo Aanaa Amboo keessatti sirbamu xiinxaluudha. Kaayyoo kana galmaan gahuuf immoo malli qorannoo akkamtaa hojiirra ooleera. Malli iddattoo qorannoo kanaas mala iddeetteessuu miti-carraa jalaa mala akkayyoofi darbaan dabarsaatti dhimma bahameera. Dhimmoota mata duree kanaan wal qabatan xiinxaluuf qabxiileen ijoon sakatta‟amaniiru.Adeemsi ragaa ittiin funaaname af gaaffiifi marii gareen jaarsoolii akka Aanaa Ambootti beekamoo ta‟an irraa funaanameera.Akkasumas, ragaalee sirni kabaja ayyaana masqalaa walqabatanii barreeffamaan jiraan sakatta‟meera. Kunis ragaalee af-gaaffii fi marii garee argaman akkaataa wal fakkaataniin walitti fiduufi qindeessitee ibsuun haalli ergaa sirba Masqalaa keessatti itti dhimma bahaman isaan kam akka ta‟an adda bahamaniiru. Adeemsa kana hordofuun bu‟aan/argannoon qorannoo kanaan argaman bira gahamanii: sirbi ayyaana masqalaa akkuma duudhaalee hawaasa biroo yeroofi safuu eegee kan raawwatu ta‟uu, haalduree ayyaana kana irratti raawwataman yookiin sirboonni yeroo masqalaa sirbaman kan jala-bultii, yeroo daamaraa, yeroo gubaa Masqalaafi kan gaggeessaa Masqalaa jedhamanii bakka garaagaraatti qoodamaniru. Ergaan sirboota kunneenii tokkummaa jaalalaafi duudhaa aadaa Oromoo hedduu akka ofkeessaa qaban adda ba‟eera. Walumaagalatti sirna kabaja sirba Masqalaa kana dhaloonni si‟anaa akka itti dhimma bahu hubachiisuun aadaan Oromoo kun kunuunfamee akka turuuf Waajjirri Aadaafi Turiizimiifi Qorattoonni aadaa gadifageenyan qoratanii bifa barreeffamaan taa‟uun barbaachisaadha. en_US
dc.language.iso ao en_US
dc.publisher Yuunivarsiitii Amboo en_US
dc.subject Xiinxala en_US
dc.subject Ergaa Sirba en_US
dc.subject Aanaa Ambootti en_US
dc.title Xiinxala Ergaa Sirba Ayyaana Masqalaa: Akka Godina Shawaa Lixaa Aanaa Ambootti. en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search AmbouIR


Advanced Search

Browse

My Account