WelCome to Ambo University Institutional Repository!!

Xiinxala Itti Fayyadama Afaanii Asoosama „Kudhaama Jaalalaa

Show simple item record

dc.contributor.author Gammachuu, Nugusee
dc.date.accessioned 2023-12-18T11:42:11Z
dc.date.available 2023-12-18T11:42:11Z
dc.date.issued 2023-09
dc.identifier.uri http://hdl.handle.net/123456789/3218
dc.description.abstract Kaayyoo gooroon qorannoo kanaa Itti Fayyadama Afaanii Asoosama Kudhaama Jaalalaa xiinxaluudha. Qorannoo kana gaggeessuuf dhimmoonni akka ka‟umsaatti qorataa kakaasan xiyyeeffannoon gama qorattootaatiin itti fayyadama afaanii asoosamota Afaan Oromootiin barreeffaman keessatti argaman xiinxaluu irratti laafaa ta‟uu fi yaadiddamaan deeggaramanii hojjechuu irratti amma hubannoo qorataatti xiyyeeffannoo kan hin argannedha. Malli qorannoo kun qorannoo akkamtaa yoo ta‟u,qorannoo kana gaggeessuuf itti fayyadama afaaniitiin xiinxaluun immoo xiyyeeffannoo qorannichaa isa guddaadha. Qorataan kaayyoo kana galmaan gahuuf mala iddatteessuu kaayyeffataa gargaaramee qorannicha gaggeessera.Ragaaleen qorannoo kanaa maddi ragaa tokkoffaa afee asoosama filatame keessatti argamu yoo ta‟u,malli funaansa ragaalee mala xiinxala barruu fayyadamuun adeemsifame. Kaayyoon gooree qorannoo kanaas: ittifayyadama jechootaa keessatti, jechoota idilee fi alidilee, jechoota galumsaa,jechoota moggoo,jechoota faallaa, malleen dubbii asoosamicha keessatti itti fayydamame,nameessa, iddeessa,akkasaa,arbeessa, mtihee,fi habalaka, jechamootaa fi mammaaksa ta‟uu isaati. Akka yaada furmaatatti kanneen kaa‟aman itti fayyadamni afaanii ergaa asoosamichaan darbu hubachuuf tajaajala guddaa waan qabuuf bareessitootas ta‟ee dubbistoonni itti fayyadama afaanii irratti xiyyeeffachuu qabu. Haaluma kanaan, hojiiwwan kalaqaa kanneen biroo keessatti itti fayyadamni afaanii waan mul‟atuuf qorannoo biroo irrattis xiyyeeffatanii hojjechuun barbaachisaadha. en_US
dc.language.iso en en_US
dc.publisher Ambo University en_US
dc.subject Xiinxala en_US
dc.subject Fayyadama en_US
dc.subject Asoosama en_US
dc.title Xiinxala Itti Fayyadama Afaanii Asoosama „Kudhaama Jaalalaa en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search AmbouIR


Advanced Search

Browse

My Account