Abstract:
Kaayyoo gooroon qorannoo kanaa Itti Fayyadama Afaanii Asoosama Kudhaama Jaalalaa xiinxaluudha. Qorannoo kana gaggeessuuf dhimmoonni akka ka‟umsaatti qorataa kakaasan xiyyeeffannoon gama qorattootaatiin itti fayyadama afaanii asoosamota Afaan Oromootiin barreeffaman keessatti argaman xiinxaluu irratti laafaa ta‟uu fi yaadiddamaan deeggaramanii hojjechuu irratti amma hubannoo qorataatti xiyyeeffannoo kan hin argannedha. Malli qorannoo kun qorannoo akkamtaa yoo ta‟u,qorannoo kana gaggeessuuf itti fayyadama afaaniitiin xiinxaluun immoo xiyyeeffannoo qorannichaa isa guddaadha. Qorataan kaayyoo kana galmaan gahuuf mala iddatteessuu kaayyeffataa gargaaramee qorannicha gaggeessera.Ragaaleen qorannoo kanaa maddi ragaa tokkoffaa afee asoosama filatame keessatti argamu yoo ta‟u,malli funaansa ragaalee mala xiinxala barruu fayyadamuun adeemsifame. Kaayyoon gooree qorannoo kanaas: ittifayyadama jechootaa keessatti, jechoota idilee fi alidilee, jechoota galumsaa,jechoota moggoo,jechoota faallaa, malleen dubbii asoosamicha keessatti itti fayydamame,nameessa, iddeessa,akkasaa,arbeessa, mtihee,fi habalaka, jechamootaa fi mammaaksa ta‟uu isaati. Akka yaada furmaatatti kanneen kaa‟aman itti fayyadamni afaanii ergaa asoosamichaan darbu hubachuuf tajaajala guddaa waan qabuuf bareessitootas ta‟ee dubbistoonni itti fayyadama afaanii irratti xiyyeeffachuu qabu. Haaluma kanaan, hojiiwwan kalaqaa kanneen biroo keessatti itti fayyadamni afaanii waan mul‟atuuf qorannoo biroo irrattis xiyyeeffatanii hojjechuun barbaachisaadha.