WelCome to Ambo University Institutional Repository!!

Xiinxala Asoosama Gurraacha Abbayaa: Yaaxxina Dubartummaan Namoomsaa Dheeressaat

Show simple item record

dc.contributor.author Namoomsaa, Dheeressaa
dc.date.accessioned 2023-08-15T11:55:12Z
dc.date.available 2023-08-15T11:55:12Z
dc.date.issued 2023-01
dc.identifier.uri http://hdl.handle.net/123456789/2878
dc.description.abstract Kaayyoon qorannoo kanaa Bocama Namfakkiilee Dubartootaa Asoosama ‘Gurraacha Abbayaa’ yaaxxina dubartummaan xiinxaluudha. Malli qorannoo dhimma itti bahame mala qorannoo akkamtaa yoo ta’u, asoosamichis kan filatame mala iddatteessuu miti carraatiiniifi mala iddatteessuu miti carraa keessaa immoo iddatteessuu kaayyeffataadha. Maddi ragaa qorannoo kanaa madda ragaa tokkoffaa yoo ta’u, malli funaansa ragaa mala sakatta’a dookumantiiti. Qorataan hafee asoosamicha keessaa filachuun qabxiilee akka bocama namfakkiilee dubartootaa, ilaalcha walqixxummaa koorniyaafi gahee namfakkiileen dubartootaa hawaasummaan, diinagdeefi siyaasaatiin qaban bu’uura godhachuun xiinxaleera. Asoosama Gurraacha Abbayaa keessatti gama dhiirotaan dubartoota irra dhiibbaan adda addaa akka gahe. Kunis hawaasa keessatti warra dhiiraa waliin mirga walqixaa akka hin qabne, akka meeshaafi qabeenyaatti ilaalamuun fedhii koorniyaa gartokkee qofa guutuuf gidiraa, dararaafi rakkina adda addaa jalatti kufanii akka argamantu ibsame. Asoosamicha keessatti ilaalchi olaantummaa dhiiraa leellisuu akka jiruu. Kunis dubartootni qixa dhiiraa haaloo baafachuu akka hindandeenyeettiifi jaalatamuu malee jaalachuuf mirga hin qabneefi ilaalchi gadaantummaa dubartii calaqqisiisuu akka jiru ibsameera. Kana malees, asoosamicha keessatti qaama olaantummaa dhiiraa leellisuun dhiibbaan gama siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaan keessuma gama dinagdeen of danda’uuf jecha hojii olaantummaa dhiira jalatti isaan kuffisu hojjechuun rakkoo jalatti kufanii akka jiran mul’ateera. Karaa biraatiin asoosama Gurraacha Abbayaa keessatti dhiibbaa koorniyaa faallaan irra gahu dandamachuun dubartootni, gama siyaasaan, dinagdeefi hawaasummaan madaallii jireenya hawaasaa eeguu keessatti gahee guddaa akka qabantu mul’ate. Barreessitootni ogbarruu yeroo namfakkiilee uuman dubartii akka gadaantummatti uumanii fayyadamuu osoo hin taane akka isheen dhiira waliin walqixa taateetti, waan dhiirti godhu kamuu gochuu dandeessuuttifi qixa dhiiraa qabeenya qooddachuu dandeessuutti, amaloota badaan farrajuufi fedhii dhiiraa qofa guutuuf akka jiraattutti osoo hin taane, waan feete dhiira walin walqixa qooddachuuf dhiiraan walqixa akka taatettiifi amala gaarii qabduutti osoo kalaqanii gaaridha. Qorannoleen dhimma dubartoota irratti xiyyeeffatan yaaxxinaalee adda addaa fayyadamuun osoo gaggeeffamanii kan jedhan yaadota furmaataa qorataan kaa’amaniidha en_US
dc.language.iso ao en_US
dc.publisher Yunivarsiitii Amboo en_US
dc.subject Xiinxala Asoosama en_US
dc.subject Gurraacha Abbayaa en_US
dc.subject Yaaxxina Dubartummaan en_US
dc.title Xiinxala Asoosama Gurraacha Abbayaa: Yaaxxina Dubartummaan Namoomsaa Dheeressaat en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search AmbouIR


Advanced Search

Browse

My Account