Abstract:
Kaayyoon qorannoo kanaa Bocama Namfakkiilee Dubartootaa Asoosama ‘Gurraacha Abbayaa’
yaaxxina dubartummaan xiinxaluudha. Malli qorannoo dhimma itti bahame mala qorannoo
akkamtaa yoo ta’u, asoosamichis kan filatame mala iddatteessuu miti carraatiiniifi mala
iddatteessuu miti carraa keessaa immoo iddatteessuu kaayyeffataadha. Maddi ragaa qorannoo
kanaa madda ragaa tokkoffaa yoo ta’u, malli funaansa ragaa mala sakatta’a dookumantiiti.
Qorataan hafee asoosamicha keessaa filachuun qabxiilee akka bocama namfakkiilee
dubartootaa, ilaalcha walqixxummaa koorniyaafi gahee namfakkiileen dubartootaa
hawaasummaan, diinagdeefi siyaasaatiin qaban bu’uura godhachuun xiinxaleera. Asoosama
Gurraacha Abbayaa keessatti gama dhiirotaan dubartoota irra dhiibbaan adda addaa akka
gahe. Kunis hawaasa keessatti warra dhiiraa waliin mirga walqixaa akka hin qabne, akka
meeshaafi qabeenyaatti ilaalamuun fedhii koorniyaa gartokkee qofa guutuuf gidiraa, dararaafi
rakkina adda addaa jalatti kufanii akka argamantu ibsame. Asoosamicha keessatti ilaalchi
olaantummaa dhiiraa leellisuu akka jiruu. Kunis dubartootni qixa dhiiraa haaloo baafachuu
akka hindandeenyeettiifi jaalatamuu malee jaalachuuf mirga hin qabneefi ilaalchi
gadaantummaa dubartii calaqqisiisuu akka jiru ibsameera. Kana malees, asoosamicha keessatti
qaama olaantummaa dhiiraa leellisuun dhiibbaan gama siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaan
keessuma gama dinagdeen of danda’uuf jecha hojii olaantummaa dhiira jalatti isaan kuffisu
hojjechuun rakkoo jalatti kufanii akka jiran mul’ateera. Karaa biraatiin asoosama Gurraacha
Abbayaa keessatti dhiibbaa koorniyaa faallaan irra gahu dandamachuun dubartootni, gama
siyaasaan, dinagdeefi hawaasummaan madaallii jireenya hawaasaa eeguu keessatti gahee
guddaa akka qabantu mul’ate. Barreessitootni ogbarruu yeroo namfakkiilee uuman dubartii
akka gadaantummatti uumanii fayyadamuu osoo hin taane akka isheen dhiira waliin walqixa
taateetti, waan dhiirti godhu kamuu gochuu dandeessuuttifi qixa dhiiraa qabeenya qooddachuu
dandeessuutti, amaloota badaan farrajuufi fedhii dhiiraa qofa guutuuf akka jiraattutti osoo hin
taane, waan feete dhiira walin walqixa qooddachuuf dhiiraan walqixa akka taatettiifi amala
gaarii qabduutti osoo kalaqanii gaaridha. Qorannoleen dhimma dubartoota irratti xiyyeeffatan
yaaxxinaalee adda addaa fayyadamuun osoo gaggeeffamanii kan jedhan yaadota furmaataa
qorataan kaa’amaniidha