dc.description.abstract |
Qorannoon kun walsimannaa qabiyyeewwan silabasii, kitaaba barataafi qajeelcha barsiisaa
barnoota Afaan Oromoo kutaa 11ffaa xiinxaluun kan hojjetamedha. Meeshaaleen barnootaa
kunneen gama dhiyeenya qabiyyee isaaniin hagam walsimanii ykn walii galanii qophaa’an kan
jedhu xiinxaluun bu’aan isaa gabaasa qorannoo kana keessatti ifatti dhiyaateera. Hojiin qorannoo
kun kan inni ittiin dhiyaate mala qorannoo akkamtaatiini. Kunis qorataan hojiin isaa meeshaalee
barnoota Afaan Oromoo kutaa 11ffaa xiinxaluu waan ta’eef kallattumaan meeshaalee kanneen
(kitaaba barataa, qajeelcha barsiisaafi silabasii) barnoota Afaan Oromoo kutaa11ffaa) mala
iddatteessuu miti carraa keessaa tokko kan mala akkayyoon filachuun walsimannaan
qabiyyeewwan isaanii adda baasee ibsee jira. Walsimannaan qabiyyeewwan meeshaalee
kanneenii maal akka fakkaatu adda baasuuf meeshaalee funaansa ragaa sakatta’a kuufattootaafi
af-gaaffii barsiisotaa fayyadameera. Kuufattoonni sakatta’amanis silabasii, kitaaba barataaf
qajeelcha barsiisaa barnoota Afaan Oromoo kutaa 11ffaati. Barsiisonni af-gaaffiin dhiyaateef
mana barumsa Sayyoo sad.2ffaatti gosa barnoota Afaan Oromoo kutaa 11faaa kanneen barsiisaa
jiraniidha. Barsiisonni kunis tooftaa iddatteessuu miti carraa keessaa tokko kan ta’e tooftaa
ammargee fayyadamuun filatamani. Ammargee Kanan fayyadameefis barsiisonni mana barumsaa
kanatti gosa barnoota Afaan Oromoo kutaa11ffaa barsiisaa jiran barsiisota sadii qofa waan
ta’aniif, sadan isaanii iyyuu akka odeef kennitootaatti fayyadameera. Ragaalee qaaccessuu
ilaalchisee qorataan hojiin jalqaba hojjete walsimannaa meeshaalee kanneenii xiinxaluuf
meeshaalee kanneen gabatee keessatti tarreessuun boqonnaa boqonnaan qabiyyee isaan
qabatanii dhiyaatan ibsee jira. Itti fufuun kanneen gabatee keessa taa’an jalatti ibsi bal’aan haala
hubatamuu danda’uun kennameera. Afgaaffii barsiisotaaf dhiyaateefi deebiin isaan deebisanis
walduukaa dhiyaatanii jiru. Bu’aan qaaccessa ragaalee afgaaffiifi xiinxala meeshaalee
kanneeniis dhiyaatee jira. Hojii qarannoo kanaan argannowwan irra ga’aman: Meeshaaleen
barnootaa kun hariiroo hedduu qabaatanis hanqinoonni akka qabiyyeen silabasii keessatti
dhiyaate dandeettii afaanii maraaf xiyyeeffannaa qixa laachuu dhabuu, qabiyyeen kitaaba
barataafi qajeelcha barsiisaa keessa jiru silabasii keessa jiraachuu dhabuu, qabiyyeen akka
baratamuuf dhiyaateef gilgaalli qabiyyicha shaakalchiisuuf kitaaba barataa keessatti dhiyaate
walsimuu dhabuu, silabasiin dhimmoota afoolaan walqabataniif xiyyeeffannaa osoo hin laatin
hafuu, qabiyyeen walfakkaataan boqonnaa jalqabaa hanga dhumaatti silabasii keessatti
deddeebi’ee ka’uu fkkf. Yaadni furmaata qaamoleen naannoo kanatti ogummaa qaban keessattuu
barsiisonni meeshaalee kanneen fayyadaman yeroo yeroon madaallii gaggeessuun barbaachisaa
akka ta’eefi hanga walsimanii dhiyaatanitti immoo walsimsiisaa itti fayyadamuun
barbaachisaadha. |
en_US |