WelCome to Ambo University Institutional Repository!!

Xiinxala Gahee Hiibboon Oromoo Ijoolleef Qabu: Haala Qabatama Bulchiinsaa Magaalaa Amboo

Show simple item record

dc.contributor.author Misiree, Yohaannis
dc.date.accessioned 2023-07-03T12:32:41Z
dc.date.available 2023-07-03T12:32:41Z
dc.date.issued 2022-09
dc.identifier.uri http://hdl.handle.net/123456789/2807
dc.description.abstract Qorannoon kun xiinxala gahee hiibboon Oromoo ijoolleef qabu qaaccessuu irratti xiyyeeffata. Kaayyoon gooroo qorannoo kanaas, xiinxala gahee hiibboon Oromoo ijoolleedhaaf qabu qaaccessuun ibsuudha. Mala iddeetteessuu miti carraa keessaa akkayyoo/ta'e jettee (Purposively) dhimma bahuudhaan odeeffannoowwan afgaaffiifi marii gareetiin odeefkennitoota WBMA irraa funaanaman walduraa duubaan akkaataa barbaachisummaa isaanitiin jechaan ibsamuun qaacceffamee jira. Kunis, mala qorannoo qulqulleeffataa gargaaramuun kan raawwatameedha. Gahee hiibboon Oromoo ijoolleef qabu haala raawwii hiibbootiin deeggaramee yammuu ilaalamu, hedduu ta'uu isaa qorannoo kanaan bira gahamee jira. Kanaanis, qabxiiwwan itti aanan argannoowwan qorannoo kanaati. Hiibboon Oromoo maatii keessatti: maqaalee wantoota garagaraa, lakkoofsa, haala falmii, safuufi aadaa hawaasa keessa jiru adda baafachuun, beekumsa gama kanaan qaban akka cimsataniif heddu gargaaruu isaa maanguddoonnifi haadholiin odeeffannoo laatan hiibboo bu'ureeffachuun addeessanii jiru. Kana malees, hiibboon Oromoo mana barumsaa keessatti, dandeettiwwan afaanii, keessattuu dubbachuufi dhaggeeffachuu akkasumas, hiibboon sammuu ijoollee kallattii garagaraan qaruu, dandeettii waa yaadachuu ijoollee cimsuu keessattiifi yaada haaraa akka isaan burqisiisan taasisuun isaa, odeeffannowwan qorannoo kanaaf walitti qabaman ragaa ba'aniijiru. Bifuma wal fakkaatuun, kara raawwii hiibboon ittiin taphatamu eeganii, hiibboo taphachuun, ijoollee obsa barsiisuu cinaatti, wantoota adeemsa sana keessatti raawwatamu sana xiiqeeffachuun beekumsa gama kanaan ta'ee gama hiibbootiin qaban daran dabaluu, seera wantoota gara garaa barsiisuu, bashannansiisuun, dhiphinaafi nuffii tokko malee ijoolleen beekumsa gara garaa goonfachiisuu, tapha hiibboo keessatti xiiqii walitti qabachuun gaaffilee ciccimoo wal gaafachuun beekumsa isaanii walii gabbisaa akka deemaniif, gargaaruu isaa maanguddoonnifi haadholiin odeeffannoo laatan adeemsicha bu'ureeffachuun ibsanii jiru. Kuniotoo ta'ee jiruu, sababoota gara garaatiin hawaasni hiibbootti fayyadamuu dhiisaa jira. Kanaafis, wanti akka sababaatti odeef-kennitoota Bulchiinsaa Magaalaa Amboo irraa argame ijoolleen yeroo isaanii hiibbootti dabarsuu manna, fiilmii ilaaluu, tapha kubbaa hordofuu, reediyoo dhaggeeffachuu, televizyiinii ilaaluufi darbee darbee feesbuukii fayyadamuufi iddoo akka laatan dubbatu. Haata'u malee, wantoota bu'aa teeknoolojii ta'an kanaaf bu'uurri afoola jaarraa heddu lakkoofsise akka hin badneef uummanni Oromoofi qaammi dhimmi isaa ilaallatu kunuunsee dhalootaa dhalootatti dabarsuutu irraa eegama. en_US
dc.language.iso ao en_US
dc.publisher Yunivarsiitii Amboo en_US
dc.subject Xiinxala en_US
dc.subject Hiibboo en_US
dc.subject Amboo en_US
dc.title Xiinxala Gahee Hiibboon Oromoo Ijoolleef Qabu: Haala Qabatama Bulchiinsaa Magaalaa Amboo en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search AmbouIR


Advanced Search

Browse

My Account