Abstract:
Qorannoon kun xiinxala gahee hiibboon Oromoo ijoolleef qabu qaaccessuu irratti xiyyeeffata. Kaayyoon
gooroo qorannoo kanaas, xiinxala gahee hiibboon Oromoo ijoolleedhaaf qabu qaaccessuun ibsuudha.
Mala iddeetteessuu miti carraa keessaa akkayyoo/ta'e jettee (Purposively) dhimma bahuudhaan
odeeffannoowwan afgaaffiifi marii gareetiin odeefkennitoota WBMA irraa funaanaman walduraa
duubaan akkaataa barbaachisummaa isaanitiin jechaan ibsamuun qaacceffamee jira. Kunis, mala
qorannoo qulqulleeffataa gargaaramuun kan raawwatameedha. Gahee hiibboon Oromoo ijoolleef qabu
haala raawwii hiibbootiin deeggaramee yammuu ilaalamu, hedduu ta'uu isaa qorannoo kanaan bira
gahamee jira. Kanaanis, qabxiiwwan itti aanan argannoowwan qorannoo kanaati. Hiibboon Oromoo
maatii keessatti: maqaalee wantoota garagaraa, lakkoofsa, haala falmii, safuufi aadaa hawaasa keessa
jiru adda baafachuun, beekumsa gama kanaan qaban akka cimsataniif heddu gargaaruu isaa
maanguddoonnifi haadholiin odeeffannoo laatan hiibboo bu'ureeffachuun addeessanii jiru. Kana malees,
hiibboon Oromoo mana barumsaa keessatti, dandeettiwwan afaanii, keessattuu dubbachuufi
dhaggeeffachuu akkasumas, hiibboon sammuu ijoollee kallattii garagaraan qaruu, dandeettii waa
yaadachuu ijoollee cimsuu keessattiifi yaada haaraa akka isaan burqisiisan taasisuun isaa,
odeeffannowwan qorannoo kanaaf walitti qabaman ragaa ba'aniijiru. Bifuma wal fakkaatuun, kara
raawwii hiibboon ittiin taphatamu eeganii, hiibboo taphachuun, ijoollee obsa barsiisuu cinaatti,
wantoota adeemsa sana keessatti raawwatamu sana xiiqeeffachuun beekumsa gama kanaan ta'ee gama
hiibbootiin qaban daran dabaluu, seera wantoota gara garaa barsiisuu, bashannansiisuun, dhiphinaafi
nuffii tokko malee ijoolleen beekumsa gara garaa goonfachiisuu, tapha hiibboo keessatti xiiqii walitti
qabachuun gaaffilee ciccimoo wal gaafachuun beekumsa isaanii walii gabbisaa akka deemaniif,
gargaaruu isaa maanguddoonnifi haadholiin odeeffannoo laatan adeemsicha bu'ureeffachuun ibsanii
jiru. Kuniotoo ta'ee jiruu, sababoota gara garaatiin hawaasni hiibbootti fayyadamuu dhiisaa jira.
Kanaafis, wanti akka sababaatti odeef-kennitoota Bulchiinsaa Magaalaa Amboo irraa argame ijoolleen
yeroo isaanii hiibbootti dabarsuu manna, fiilmii ilaaluu, tapha kubbaa hordofuu, reediyoo
dhaggeeffachuu, televizyiinii ilaaluufi darbee darbee feesbuukii fayyadamuufi iddoo akka laatan dubbatu.
Haata'u malee, wantoota bu'aa teeknoolojii ta'an kanaaf bu'uurri afoola jaarraa heddu lakkoofsise akka
hin badneef uummanni Oromoofi qaammi dhimmi isaa ilaallatu kunuunsee dhalootaa dhalootatti
dabarsuutu irraa eegama.