WelCome to Ambo University Institutional Repository!!

Xiinxala Rakkoolee Dandeettii Keeyyata Barreessuu Keessatti Barattoonni Kutaa 9ffaa Qaban Mana Barumsaa Caggoo Sadarkaa 2ffaa Irratti Xiyyeeffachuun

Show simple item record

dc.contributor.author Hawwii, Hayilee
dc.date.accessioned 2023-06-07T11:16:01Z
dc.date.available 2023-06-07T11:16:01Z
dc.date.issued 2022-10
dc.identifier.uri http://hdl.handle.net/123456789/2786
dc.description.abstract Ogummaa keeyyata barreessuu gonfachuuf hubannoon keeyyatarratti qabnu murteessaadha. Kaayyoo gooroon qorannoo kanaas rakkoolee dandeettii keeyyata barreessuu keessatti barattoonni kutaa 9ffaa qaban xiinxaluudha. Kaayyoo kana galmaan ga’uuf malli qorannoo dhimma itti ba’ame mala qorannoo walmakaa jechuun akkamtaafi hammamtaati. Sababni isaa odeeffannoon qorannoo kanaa karaa lakkoofsaafi jechaan kan ibsame waan ta’eefidha. Tooftaan iddatteessuu dhimma itti ba’ame ammoo tooftaa iddatteessuu kaayyeffataafi tooftaa iddatteessuu carraa tasaati. Meeshaaleen ragaa funaanuuf dhimma itti ba’ame, qorumsa, afgaaffiifi mariigareedha. Argannoowwan qorannoo kanaan bira ga’aman akka ibsanitti, keeyyata barreessuurratti dandeettiin barattoonni baay’een qaban gadaanaa ta’uu,keeyyanni barattoonni barreessan garri caalu ulaagaa amaloota keeyyata gaarii guutuudhabuu,tartiiba ijaarsa keeyyata eeganii barreessuurratti barattoonni hedduun ga’umsa kan hinqabneefi barsiisonni barattoota keeyyata barreessuu hanga barbaadamu shaakalchiisaa kan hinjirre ta’uudha.. Haaluma kanaan barattoonni keeyyata barreessuu keessatti rakkoolee adda addaa akka qabaniifi fedhiin isaan keeyyata barreessuuf qaban gadaanaa ta’uu qorannoo kana keessatti ibsame jira. Kunis, barattoonni hedduun rakkoo ulaagaa amala keeyyata gaarii,rakkoo qindoomina yaadaa, rakkoo qubguddeessatti haalaan fayyadamuu dhabuu,rakkoo sirna tuqaalee, rakkoo qubeessuufi walqabsiiftuutti fayyadamuu akka qaban qorannoo kana keessatti ibsamee jira. Kanaafuu, rakkoolee dandeettii keeyyata barreessuu keessatti barattoonni qaban kana hambisuuf barsiisonniifi barattoonni xiyyeeffannoon baruufi barsiisuurratti ga’ee isaanii ba’uutu irraa eegama. Akkasumas,wajjirri barnootaa rakkoo kana hubatee wayitii barnoota Afaan Oromoof kennamu osoo fooyyeessee gaarii ta’a. Kanamalees, sadarkaa 1ffaa keessatti A faan Oromoo kan barsiisan kanneen Afaan Oromootiin leejii’an osoo ta’e gaariidha. Walumaagalatti rakkooleen barattoonni baay’een keeyyata barreessuu keessatti uuman bal’inaan qorannoo kana keessatti ibsamanii jiru. en_US
dc.language.iso ao en_US
dc.publisher Yunivarsiitii Amboo en_US
dc.subject Xiinxala en_US
dc.subject Keeyyata Barreessuu en_US
dc.subject Rakkoolee en_US
dc.title Xiinxala Rakkoolee Dandeettii Keeyyata Barreessuu Keessatti Barattoonni Kutaa 9ffaa Qaban Mana Barumsaa Caggoo Sadarkaa 2ffaa Irratti Xiyyeeffachuun en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search AmbouIR


Advanced Search

Browse

My Account