Abstract:
Ogummaa keeyyata barreessuu gonfachuuf hubannoon keeyyatarratti qabnu murteessaadha.
Kaayyoo gooroon qorannoo kanaas rakkoolee dandeettii keeyyata barreessuu keessatti
barattoonni kutaa 9ffaa qaban xiinxaluudha. Kaayyoo kana galmaan ga’uuf malli qorannoo
dhimma itti ba’ame mala qorannoo walmakaa jechuun akkamtaafi hammamtaati. Sababni isaa
odeeffannoon qorannoo kanaa karaa lakkoofsaafi jechaan kan ibsame waan ta’eefidha.
Tooftaan iddatteessuu dhimma itti ba’ame ammoo tooftaa iddatteessuu kaayyeffataafi tooftaa
iddatteessuu carraa tasaati. Meeshaaleen ragaa funaanuuf dhimma itti ba’ame, qorumsa,
afgaaffiifi mariigareedha. Argannoowwan qorannoo kanaan bira ga’aman akka ibsanitti,
keeyyata barreessuurratti dandeettiin barattoonni baay’een qaban gadaanaa ta’uu,keeyyanni
barattoonni barreessan garri caalu ulaagaa amaloota keeyyata gaarii guutuudhabuu,tartiiba
ijaarsa keeyyata eeganii barreessuurratti barattoonni hedduun ga’umsa kan hinqabneefi
barsiisonni barattoota keeyyata barreessuu hanga barbaadamu shaakalchiisaa kan hinjirre
ta’uudha.. Haaluma kanaan barattoonni keeyyata barreessuu keessatti rakkoolee adda addaa
akka qabaniifi fedhiin isaan keeyyata barreessuuf qaban gadaanaa ta’uu qorannoo kana
keessatti ibsame jira. Kunis, barattoonni hedduun rakkoo ulaagaa amala keeyyata gaarii,rakkoo
qindoomina yaadaa, rakkoo qubguddeessatti haalaan fayyadamuu dhabuu,rakkoo sirna
tuqaalee, rakkoo qubeessuufi walqabsiiftuutti fayyadamuu akka qaban qorannoo kana
keessatti ibsamee jira. Kanaafuu, rakkoolee dandeettii keeyyata barreessuu keessatti
barattoonni qaban kana hambisuuf barsiisonniifi barattoonni xiyyeeffannoon baruufi
barsiisuurratti ga’ee isaanii ba’uutu irraa eegama. Akkasumas,wajjirri barnootaa rakkoo kana
hubatee wayitii barnoota Afaan Oromoof kennamu osoo fooyyeessee gaarii ta’a. Kanamalees,
sadarkaa 1ffaa keessatti A faan Oromoo kan barsiisan kanneen Afaan Oromootiin leejii’an osoo
ta’e gaariidha. Walumaagalatti rakkooleen barattoonni baay’een keeyyata barreessuu keessatti
uuman bal’inaan qorannoo kana keessatti ibsamanii jiru.