WelCome to Ambo University Institutional Repository!!

Xiinxala Walaloo Sirboota Haacaaluu Hundeessaa Eenyummaafi Tokkummaa Oromoo Agarsiisan

Show simple item record

dc.contributor.author Tasfaayee, Kumsaa
dc.date.accessioned 2023-05-02T13:15:22Z
dc.date.available 2023-05-02T13:15:22Z
dc.date.issued 2023-01
dc.identifier.uri http://hdl.handle.net/123456789/2719
dc.description.abstract Qorannoon kun sirboota artiisti Haacaaluu Hundeessaa keessaa tokkummaafi eenyummaa agarsiisan irratti xiyyeeffata.Bu’uuruma kanaan, walaloon sirboota afur ta’an mala iddattoo kaayyeeffata irratti hunda’uun qorannoo kanaaf filatamaniiru. Qorannoon kun mala qorannoo akkamtaa keessaa xiinxala ergaa fayyadamuun ragaaleen ibsamaniiru. Yaadxinni qorannoon kun bu’uureeffate yaadxina hawaasummaa fayyadamuun ergaan ijoo walaloo sirbaa haala hawaasummaafi dinagdee keessa jiruu mul’isuun hiika isaa xiinxaluuf dhimma itti bahameera. xiinxala walaloo sirba tokkummaa Oromoo irratti gaggeeffameen ergaan ijoo isaanii tokkummaa dhabuu, godaansa, haqa dhabuu, miidhaa siyaasaafi dinagdee akka ta’e bu’aan qorannoo kun ni mul’isa. Ergaan ijoo sirba kana keessatti qorannoo kanaan argaman, reebicha, hidhuufi dararuu, qaama hirisuu, ajjeechaa, himannaa sobaaniifi ragaa sobaan murtii kennuu, barnoota irra ari’uu, sodaachisuufi dorsisuu,saamicha lafaa, lafa irra buqqisuun,eenyummaa isaa sarbuu isaan gurguddoodha. Miidhaafi dhiibbaan ummata Oromoo irra karaa hawaasummaa, siyaasaafi dinagdeetiin irra gahaa jiru jala bahuuf, kutaaafi amantiidhaan osoo wal hin qoodin tokkummaa isaa cimsee falmii gaggeessuun mirga abbaa biyyummaa isaa mirkaneffachuu akka qabu ergaan ijoo walaloo sirbaa kanaa bal’inaan ni mul’isa. Dabalatanis, sirboota Haacaaluu Hundeessaa tokkummaafi eenyummaa Oromoo irratti xiyyeeffatani bahan keessatti ergaan ijoo isaanii, gootummaa, tokkummaa, seenaa, biyya (Oromiyaa) faarsaan qorannoon kun mul’iseera. en_US
dc.language.iso ao en_US
dc.publisher Yunivarsiitii Amboo en_US
dc.subject Xiinxala en_US
dc.subject Walaloo en_US
dc.subject Haacaaluu Hundeessaa en_US
dc.title Xiinxala Walaloo Sirboota Haacaaluu Hundeessaa Eenyummaafi Tokkummaa Oromoo Agarsiisan en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search AmbouIR


Advanced Search

Browse

My Account