WelCome to Ambo University Institutional Repository!!

Xiinxala Madda Rakkoo Keeyyata Barreessuu Barattoota Afaan Oromoo Kutaa 8ffaa :Haala Mana Barumsa Sadarkaa 1ffaa Gabaa Dilbataa Irratti Xiyyeeffate

Show simple item record

dc.contributor.author Guddataa, Bitimaa
dc.date.accessioned 2023-04-28T13:36:25Z
dc.date.available 2023-04-28T13:36:25Z
dc.date.issued 2022-02
dc.identifier.uri http://hdl.handle.net/123456789/2712
dc.description.abstract Kaayyoon qorannoo kanaa madda rakkoo keeyyata barreessuu barattoota daree barnoota Afaan Oromoo Godina Shawaa Lixaa Aanaa Ejersa Lafoo mana barumsaa Gabaa Dilbataa sadarkaa tokkoffaa kutaa 8ffaa xiinxaluu irratti kan xiyyeeffatedha. Manni barumsaa kunis mala iddattoo akkayyootiin filatame. Qorannoon kun mala mala akkamtaafi ammamtaatti (makaatti) dhimma ba‟amee gaggeeffame. Barattoonni kutaa 8ffaa mala iddatteessuu carraatiin yoo filataman, iddattoon barsiisotaa mala iddatteessuu kaayyootiin filatamaniiru. Akkasumas, qorannoo kana keessatti meeshaaleen funaansa ragaalee kanneen akka af-gaaffiifi qormaataa hubannoon barattootaa ittiin madaalamu barattootaaf kennamanii waraqaan qormaata isaanii walitti qabamuun sakatta‟amee ragaaleen funaanamanii jiru. Qaaccessa ragaalee ilaalchisee odeeffannoon jechaan ibsaman mala ibsaatiin yookiin akkamtaan, kanneen lakkoofsaan ibsaman immoo mala ammamtaatiin bifa lakkoofsaafi dhibbeentaan qaacceffamaniiru. Qaaccessa kanarraa wanti hubatamu rakkooleen keeyyata barreessuu barattootatti danqaa ta‟an rakkoo barreessuun wal qabatan ta‟uu, barsiisaa Afaan Oromootiin dhaabbilee barnootaa irraa hin eebbifamneen barachuu, xiyyeeffannoo barattoonni barnoota Afaan Oromoof qaban xiqqaachuu, daree keessattis ta‟ee alatti irra deddeebi‟uun keeyyata barreessuu shaakaluu dhiisuu, barattoonni afaan kana barachuuf fedha hin qabne heddummachuufi barsiisonni xiyyeeffannoo itti kennuun barattoota keeyyata barreessuu shaakalchiisuu dhiisuun qaaccessa qorannoo kanaan bira gahameera. Dhuma irratti argannoo xiinxala kana irraa argame bu‟uura godhachuun yaadonni furmaataa eeramanii jiru. Isaanis, barsiisonni deeggarsa barbaachisaa kanneen akka keeyyata barreessuu shaakalchiisuu, barattoonni xiyyeeffannoon akka baratan taasisuu, barsiisaa dhaabbilee barnootaa irraa Afaan Oromootiin leenji‟e barattootaaf ramaduu, manni barumsaa xiyyeeffannoo itti kennuun kitaabilee gahaa barattootaaf dhiyeessuu, barsiisonni barattoota isaanii ulaagaalee keeyyanni qabaachuu qabu gadi fageenyaan hubachiisuun keeyyata barreessuu barattootaa fooyyeessuuf yaadolee dhiyaatanirratti osoo hojjetamanii kanneen jedhan akka yaada furmaataatti kaa‟amaniiru. en_US
dc.language.iso ao en_US
dc.publisher Yunivarsiitii Amboo en_US
dc.subject Xiinxala en_US
dc.subject Madda Rakkoo en_US
dc.subject Mana Barumsa Sadarkaa 1ffaa en_US
dc.title Xiinxala Madda Rakkoo Keeyyata Barreessuu Barattoota Afaan Oromoo Kutaa 8ffaa :Haala Mana Barumsa Sadarkaa 1ffaa Gabaa Dilbataa Irratti Xiyyeeffate en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search AmbouIR


Advanced Search

Browse

My Account