Abstract:
Kaayyoon qorannoo kanaa madda rakkoo keeyyata barreessuu barattoota daree barnoota Afaan
Oromoo Godina Shawaa Lixaa Aanaa Ejersa Lafoo mana barumsaa Gabaa Dilbataa sadarkaa
tokkoffaa kutaa 8ffaa xiinxaluu irratti kan xiyyeeffatedha. Manni barumsaa kunis mala iddattoo
akkayyootiin filatame. Qorannoon kun mala mala akkamtaafi ammamtaatti (makaatti) dhimma
ba‟amee gaggeeffame. Barattoonni kutaa 8ffaa mala iddatteessuu carraatiin yoo filataman,
iddattoon barsiisotaa mala iddatteessuu kaayyootiin filatamaniiru. Akkasumas, qorannoo kana
keessatti meeshaaleen funaansa ragaalee kanneen akka af-gaaffiifi qormaataa hubannoon
barattootaa ittiin madaalamu barattootaaf kennamanii waraqaan qormaata isaanii walitti
qabamuun sakatta‟amee ragaaleen funaanamanii jiru.
Qaaccessa ragaalee ilaalchisee odeeffannoon jechaan ibsaman mala ibsaatiin yookiin akkamtaan,
kanneen lakkoofsaan ibsaman immoo mala ammamtaatiin bifa lakkoofsaafi dhibbeentaan
qaacceffamaniiru. Qaaccessa kanarraa wanti hubatamu rakkooleen keeyyata barreessuu
barattootatti danqaa ta‟an rakkoo barreessuun wal qabatan ta‟uu, barsiisaa Afaan Oromootiin
dhaabbilee barnootaa irraa hin eebbifamneen barachuu, xiyyeeffannoo barattoonni barnoota
Afaan Oromoof qaban xiqqaachuu, daree keessattis ta‟ee alatti irra deddeebi‟uun keeyyata
barreessuu shaakaluu dhiisuu, barattoonni afaan kana barachuuf fedha hin qabne
heddummachuufi barsiisonni xiyyeeffannoo itti kennuun barattoota keeyyata barreessuu
shaakalchiisuu dhiisuun qaaccessa qorannoo kanaan bira gahameera.
Dhuma irratti argannoo xiinxala kana irraa argame bu‟uura godhachuun yaadonni furmaataa
eeramanii jiru. Isaanis, barsiisonni deeggarsa barbaachisaa kanneen akka keeyyata barreessuu
shaakalchiisuu, barattoonni xiyyeeffannoon akka baratan taasisuu, barsiisaa dhaabbilee
barnootaa irraa Afaan Oromootiin leenji‟e barattootaaf ramaduu, manni barumsaa xiyyeeffannoo
itti kennuun kitaabilee gahaa barattootaaf dhiyeessuu, barsiisonni barattoota isaanii ulaagaalee
keeyyanni qabaachuu qabu gadi fageenyaan hubachiisuun keeyyata barreessuu barattootaa
fooyyeessuuf yaadolee dhiyaatanirratti osoo hojjetamanii kanneen jedhan akka yaada
furmaataatti kaa‟amaniiru.