WelCome to Ambo University Institutional Repository!!

Xiinxala Ergaafi Itti Fayyadama Afaanii Geerarsa Ajjeesaa Oromoo (Godina Shawaa Lixaa Aanaa Dirree Incinnii

Show simple item record

dc.contributor.author Taaddaluu, Fayyeeraa
dc.date.accessioned 2023-04-24T08:54:15Z
dc.date.available 2023-04-24T08:54:15Z
dc.date.issued 2022-11
dc.identifier.uri http://hdl.handle.net/123456789/2697
dc.description.abstract Qorannoon kun mataduree “xiinxala ergaafi itti fayyadama afaanii geerarsa ajjeesaa Godina Shawaa Lixaa aanaa Dirree Incinniirratti” kan geggeeffamedha. Kaayyoon gooroo qorannoo kanaas ergaa afwalaloo geerarsa ajjeesaa Godina Shawaa Lixaa aanaa Dirree Incinnii xiinxaluudha. Kaayyoo qorannoo kanaa galmaan ga’uuf malli qorannichi ittiin gaggeeffames mala akkamtaati. Maddi ragaa qorannichaa immoo madda ragaa tokkooffaafi madda ragaa lammaffaadha. Maddi ragaa tokkoffaan kunis manguddoota waa’ee geerarsa ajjeesaa irratti odeeffannoo ykn hubannoo qabanidha. Maddi ragaa lammaffaan qorannoo kanaa immoo barruuwwaniifi raga koorsiiwwan gara garaati. Malli iddatteessuu qorannichaas mala iddetteessuu miticarraa keessaa mala akkaayyooti.Meeshaaleen funaansa ragaa qorannoo kana keessatti dhimma itti bya’ame af-gaaffiif, marii gareefi sakattaá barruuti. Argannoowwan qorannoo kanaas, ergaan afwalaloo geerarsa ajjeesaa Oromoo gootummaa mul’isuu, aarii, gaabbii, abdii, quuqqaa, injifannoo ykn milkaa’ina argisiisuu, onnachisuufi qeeqquu ta’uu adda ba’eera. Akkasumas, fayyadamni afaanii ergaan geerarsa ajjeesaa ittiin darbes filannoo jechootaa, irra deddeebiifi malleen duubbii garaa garaa kanneen akka akkasaa, iddeessa, arbeessuu, nameessuufi miti-eeyeefaa akka ta’an hubatameera. Kana malees, faayidaa ergaan geerarsaa ajjeesaa hawaasichaaf qabu gama barsiisuutiin, gama misoomaatiin gama seenaa mul‟suutiin, gama xiinsammuufi siyaasa keessatti akka fayyadu bira ga‟ameera. Kanaaf, waajirri aadaafi turizimii aanichaa seenaafi aadaan ummataa akka hin dagatamne afoolawwan geerarsa ajjeessaa kana funaananii barreeffamaan ol kaa’uun dhaloonni akka irraa baratu gochuun barbaachisaadha. en_US
dc.language.iso ao en_US
dc.publisher Yunivarsiitii Amboo en_US
dc.subject Xiinxala en_US
dc.subject Ergaa en_US
dc.subject Dirree Incinnii en_US
dc.title Xiinxala Ergaafi Itti Fayyadama Afaanii Geerarsa Ajjeesaa Oromoo (Godina Shawaa Lixaa Aanaa Dirree Incinnii en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search AmbouIR


Advanced Search

Browse

My Account