Abstract:
Qorannoon kun mataduree “xiinxala ergaafi itti fayyadama afaanii geerarsa ajjeesaa
Godina Shawaa Lixaa aanaa Dirree Incinniirratti” kan geggeeffamedha. Kaayyoon
gooroo qorannoo kanaas ergaa afwalaloo geerarsa ajjeesaa Godina Shawaa Lixaa aanaa
Dirree Incinnii xiinxaluudha. Kaayyoo qorannoo kanaa galmaan ga’uuf malli qorannichi
ittiin gaggeeffames mala akkamtaati. Maddi ragaa qorannichaa immoo madda ragaa
tokkooffaafi madda ragaa lammaffaadha. Maddi ragaa tokkoffaan kunis manguddoota
waa’ee geerarsa ajjeesaa irratti odeeffannoo ykn hubannoo qabanidha. Maddi ragaa
lammaffaan qorannoo kanaa immoo barruuwwaniifi raga koorsiiwwan gara garaati.
Malli iddatteessuu qorannichaas mala iddetteessuu miticarraa keessaa mala
akkaayyooti.Meeshaaleen funaansa ragaa qorannoo kana keessatti dhimma itti bya’ame
af-gaaffiif, marii gareefi sakattaá barruuti. Argannoowwan qorannoo kanaas, ergaan
afwalaloo geerarsa ajjeesaa Oromoo gootummaa mul’isuu, aarii, gaabbii, abdii,
quuqqaa, injifannoo ykn milkaa’ina argisiisuu, onnachisuufi qeeqquu ta’uu adda ba’eera.
Akkasumas, fayyadamni afaanii ergaan geerarsa ajjeesaa ittiin darbes filannoo jechootaa,
irra deddeebiifi malleen duubbii garaa garaa kanneen akka akkasaa, iddeessa, arbeessuu,
nameessuufi miti-eeyeefaa akka ta’an hubatameera. Kana malees, faayidaa ergaan
geerarsaa ajjeesaa hawaasichaaf qabu gama barsiisuutiin, gama misoomaatiin gama seenaa
mul‟suutiin, gama xiinsammuufi siyaasa keessatti akka fayyadu bira ga‟ameera. Kanaaf,
waajirri aadaafi turizimii aanichaa seenaafi aadaan ummataa akka hin dagatamne
afoolawwan geerarsa ajjeessaa kana funaananii barreeffamaan ol kaa’uun dhaloonni
akka irraa baratu gochuun barbaachisaadha.