WelCome to Ambo University Institutional Repository!!

Xiinxala Hammatama Tarsiimolee Dubbisuu, Dandeettii Dubbisuu Keessatti: Barnoota Afaan Oromoo Kutaalee 7ffaafi 8ffaa Irratti Kan Xiyyeeffate

Show simple item record

dc.contributor.author Roomaan, Taasisaa
dc.date.accessioned 2023-04-24T08:49:51Z
dc.date.available 2023-04-24T08:49:51Z
dc.date.issued 2023-01
dc.identifier.uri http://hdl.handle.net/123456789/2696
dc.description.abstract Kaayyoon qorannoo kanaa Hammatama tarsiimolee dubbisuu, dandeettii dubbisuu barnoota Afaan Oromoo Kutaalee 7ffaafi 8ffaa xinxaluudha. Saxaxni qorannichaa ibsaadha. Malli qorannoo kana geggeessuuf dhimma itti ba’ame immoo, mala akkamtaa yoo ta’u, maddi ragaalee qorannichaa madda ragaa tokkoffaati. Madda ragaalee irraa odeeffannoo walitti qabuuf malleen funaansa ragaalee hojiirra oolan sakatta’a kuufatootaafi af-gaaffii barsiistotaati. Ragaalee walitti qabaman xiinxaluudhaan akka hubatametti, barattoota onnachiisuuf dubbisoonni dirreewwan barnootaa addaa addaa kanneen akka saayinsii uumamaa, saayinsii hawaasaa, aadaafi teknoloojii of keessatti hammachuun kan dhihaatan yoo ta’an, gilgaalotni tarsiimoolee dubbisuu shaakalchiisuuf dhihaatan immoo, yeroo wal bira qabaman gilgaalota tarsiimoolee dubbisuu kanneen akka gadi fageenyaan dubbisuu shaakalchiisaniifi gilgaalota bal’inaan dubbisuu shaakaluu affeeraniif xiyyeeffannoon hin kennamne. Akkasumas, tamsa’inni gilgaalota tarsiimoolee dubbisuu gadi fageenyaan dubbisuu shaakalchiisaniifi bal’inaan dubbisuu shaakaluu affeeran kankutaalee lamaanii ciccitaa yoo ta’u, kutaa 7ffaa gara 8ffaattis dagaagina kan hin qabneedha. Argannoo qorannichaa bu’ureeffachuun yaboon dhihaatanis, barsiistonni yeroo barsiisanis ta’ee yeroo karoora barnootaa qopheessan, shaakaloota tarsiimoolee dubbisuu gadi fageenyaan dubbisuu shaakalchiisaniifi bal’inaan dubbisuu shaakaluu affeeran qopheessuun otoo tarsiimoolee dubbisuutti dhimma ba’uu shaakalchiisanii gaariidha. Gama biraatiin immoo, qopheessitoonni kitaaba Afaan Oromoo kutaalee 7ffaafi 8ffaa qabiyyee danddeettii dubbisuu tarsiimoolee dubbisuu shaakalchiisanii xiyyeeffannoo keessa galchuun maxxansa itti aanutti fooyya’ee akka maxxanfamu gochuun gaarii ta’a. en_US
dc.language.iso ao en_US
dc.publisher Yunivarsiitii Amboo en_US
dc.subject Xiinxala en_US
dc.subject Hammatama Tarsiimolee en_US
dc.subject Dandeettii en_US
dc.title Xiinxala Hammatama Tarsiimolee Dubbisuu, Dandeettii Dubbisuu Keessatti: Barnoota Afaan Oromoo Kutaalee 7ffaafi 8ffaa Irratti Kan Xiyyeeffate en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search AmbouIR


Advanced Search

Browse

My Account