Abstract:
Kaayyoon qorannoo kanaa Hammatama tarsiimolee dubbisuu, dandeettii dubbisuu barnoota
Afaan Oromoo Kutaalee 7ffaafi 8ffaa xinxaluudha. Saxaxni qorannichaa ibsaadha. Malli
qorannoo kana geggeessuuf dhimma itti ba’ame immoo, mala akkamtaa yoo ta’u, maddi
ragaalee qorannichaa madda ragaa tokkoffaati. Madda ragaalee irraa odeeffannoo walitti
qabuuf malleen funaansa ragaalee hojiirra oolan sakatta’a kuufatootaafi af-gaaffii
barsiistotaati. Ragaalee walitti qabaman xiinxaluudhaan akka hubatametti, barattoota
onnachiisuuf dubbisoonni dirreewwan barnootaa addaa addaa kanneen akka saayinsii
uumamaa, saayinsii hawaasaa, aadaafi teknoloojii of keessatti hammachuun kan dhihaatan
yoo ta’an, gilgaalotni tarsiimoolee dubbisuu shaakalchiisuuf dhihaatan immoo, yeroo wal
bira qabaman gilgaalota tarsiimoolee dubbisuu kanneen akka gadi fageenyaan dubbisuu
shaakalchiisaniifi gilgaalota bal’inaan dubbisuu shaakaluu affeeraniif xiyyeeffannoon hin
kennamne. Akkasumas, tamsa’inni gilgaalota tarsiimoolee dubbisuu gadi fageenyaan
dubbisuu shaakalchiisaniifi bal’inaan dubbisuu shaakaluu affeeran kankutaalee lamaanii
ciccitaa yoo ta’u, kutaa 7ffaa gara 8ffaattis dagaagina kan hin qabneedha. Argannoo
qorannichaa bu’ureeffachuun yaboon dhihaatanis, barsiistonni yeroo barsiisanis ta’ee yeroo
karoora barnootaa qopheessan, shaakaloota tarsiimoolee dubbisuu gadi fageenyaan
dubbisuu shaakalchiisaniifi bal’inaan dubbisuu shaakaluu affeeran qopheessuun otoo
tarsiimoolee dubbisuutti dhimma ba’uu shaakalchiisanii gaariidha. Gama biraatiin immoo,
qopheessitoonni kitaaba Afaan Oromoo kutaalee 7ffaafi 8ffaa qabiyyee danddeettii dubbisuu
tarsiimoolee dubbisuu shaakalchiisanii xiyyeeffannoo keessa galchuun maxxansa itti aanutti
fooyya’ee akka maxxanfamu gochuun gaarii ta’a.