dc.description.abstract |
Kaayyoon qorannoo kanaa ijoon Asoosama „Arraa Gurbaa' ija yaaxxina dhugummaatiin
xiinxaluudha. Qorannoon kun mala qorannoo akkamtaatti dhimma bahuun kan gaggeeffamedha.
Kaayyoleen qorannoo kanaas: Asoosama Arraa Gurbaa keessatti dhugummaan gama
bulchiinsaafi siyaasaa uummata Oromoon mul‟ate ibsuu. Akkasumas, dhugummaa gama aadaa,
duudhaa, afaaniifi amantii uummata Oromoon mul‟atan tarreessuufi Asoosama Arraa Gurbaa
keessatti dhimmoonni diinagdee uummata Oromoo bara mootummaa ADWUI keessatti ture
tarreessuufi Asoosama Arraa Gurbaa keessaatti dhimmoonni dhiyaatan rakkoowwan haala
jiruufi jireenya uummata Oromoorra bara mootummaa ADWUI ga'aa ture addaan baasuu
fa‟adha. Malli iddatteessuu qorattuun dhimma itti baate mala akkaayyootti. Maddi ragaa
qorannoo kanaa Asoosama Arra Gurbaa yoo ta‟u, mala xiinxala hafeetti dhimma bahuun
ragaalee barbaachisan xiinxalamuun dhiyaataniiru. Adeemsa xiinxalaa kana keessattis,
dhimmoonni asoosama filatame keessa jiran haala qabatamaa addunyaa dhugaa keessatti
mul'ataniin hangam akka wal-simatan wal-biraa qabuun xiinxalamaniiru. Argannoo ijoon
qorannoo kanaan bira gahaman, Asoosamicha keessatti dhiibbaan gama bulchiinsaafi siyaasa
sirna motummaa yoomessa asoosamichi keessatti barreeffame Uummata Oromoo irraa gahaa
turee dhugaa qabatamaa naannoo Oromiyaa keessatti mulchaa ture ibseera. Sirnichi kaayyoo
dhokataa ogbarruufi abbaa biyyuumma Oromoo dadhabsiisuun dhabamsiisuu akka tures
mul‟ateera. Asoosama Arraa Gurbaa keessatti dhugummaan gama aadaa, duudhaa, afaaniifi
amantii uummata Oromoo dhiyaatan haala dhugaa hawaasichi keessa tureen akka mul‟ateefi
sabicharratti gama kanaan ciqileen warra ormaa hamaa akka ta‟e mul‟ateera. Dhiibbaan
diinagdee Oromoo dadhabsiisuun sabiicha hiyyummaafi jireenya ofiin hoogganachuu
dadhabuun harka namaatti galuun beekumsaafi dafqa isaaniii fixuun rakkoof saaxiilamuun
gaggeeffama akka ture hubatameera. Akkasumas, abbootii qabeenya humnaan bultootaafi
daldaaltota isaan jala jiran dadhabsiisuun akka harka isaanii jala jiraatan gochuun sirna
diinagdee isaanii dadhabsiisuun miidhaa irraa gahaa akka turan ija yaaxxina dhugummaan
mirkanaa‟uu danda‟eera. Dhimmoonni rakkoowwan haala jiruufi jireenya uummata Oromoorra
bara mootummaa ADWUI ga'aa turan bifa dhugummaa qabuun kan mul‟ate ta‟uusaafi
saboobata rakkinoota kanaan fincilliifi fincilamaan jiraachuun Oromoo gama miidhaa xiin sammuu, godaansaa, hidhaa, tokkummaa dhabuu, gadda, reebichaafi daraaramni akka gahaa
turame bu‟uura yaaxxina dhugummaan qorattuun mirkaneeffachuu dandeesseetti. Hacuuccaafi
roorroo uummata Oromoo irra ga‟aa tureefi ga‟aa jiru kallattiin yookiin alkallattiin sodaa tokko
malee ibsuun murteessaa waan ta‟eef, barreessitootni Oromoo kanaan booda asoosama akkasii
barreessan gocha Oromoo irratti diinni raawwate dhoksaa tokko malee, hojii ogbarruu isaaniin
dhiheessuutu irraa eegama |
en_US |