WelCome to Ambo University Institutional Repository!!

Qaaccessa Ergaa Weedduu Cidhaa Mana Misirrichaatti Weeddifamu: Godina Shawaa Kibba Lixaa, Aanaa Walisoo irratti Kan Xiyyeeffate

Show simple item record

dc.contributor.author Xajjinash, Bayyanaa
dc.date.accessioned 2023-02-16T08:31:22Z
dc.date.available 2023-02-16T08:31:22Z
dc.date.issued 2022-12
dc.identifier.uri http://hdl.handle.net/123456789/2493
dc.description.abstract Kaayyoon qorannoo kanaas ergaa weedduu cidhaa mana misirrichaatti weeddifamu Oromoo Godina Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Walisoo qaaccessuudha.Qorannoo kana galmaan ga’uuf maddi ragaa 1ffaan dhimma itti bahame, hawaasa Aanichaa keessaa namoota dhimma qorannoo kanaaf odeeffannoo barbaachisu kennuu danda’an mala iddatteessuu miti carraan filataman dubartootaa,shamarran,maanguddoota akkasumas dargaggoota weedduu yookan namoota aadaa sirba fuudhaafi heerumaa kana irratti muuxannoofi hubannoo qaban Odeeffannoon qorannichaaf barbaachisu immoo meeshaalee funaansa ragaa af-gaaffii, marii gareefi daawwannaan walitti qabameera. Ragaaleen madda garaagaraa irraa meeshaalee funaansa ragaa armaan olitti eeramaniin walitti qabaman kunniin mala akkamtaa fayyadamuun jechaan ibsamaniiru. Ragaalee qaacceffaman kanneen bu’ureeffachuun argannoowwan bira ga’aman ergaa weedduu cidhaa mana misirrichaatti weeddifamu waantoota hawaasa Aanaa Walisoo biratti beekamu keessaa tokko kan ta’eefi hawaasni Oromoo Aanichaa kessatti weeddifamu ergaawwan gurguddoo kanneen jibbaafi jaalalaa, gaddaafi gammachuu,argachuufi dhabuu aadaa hawaasa tokkoo keessatti kan mul’atu ta’uun qacceffameera.Adeemsa raawwii cidhaa mana misirrichaatti weeddifamu kabajuun aadaa isaanii keessaa tokko yommuu ta’u ,jaalala,kabaja,kunuunsuufi ulfina mushurrichaafi misirroodhaaf qaban ibsuuf akka ta’e xiinxalameera. Faayidaan weedduu cidhaa jajjabeessuu, bultii qabannaa kan barsiisu ta’uu, yaaddoo jalaa miliquufi namoota qeequufidha.Kana malees, duudhaa hawaasaa to’achuufi faayidaa ibsuu keessattis ga’ee kan qabu ta’uu bira ga’ameera. Ogafaan kana keesatti fayyadaman immoo kan akka Eebbaa,weedduu,geerarsaafi sirba itti fayyadamuun hubatameera.Yaboon qorannichaa immoo walaloon weedduu cidhaa ergaawwan gurguddoo kanneen weedduu fuudhaafi heerumaa keessa kan akka butii,aseennafikan birootin darbuu hin dandeenye keennuu keessatti ga’ee guddaa kan qabu ta’uun isaa waan hubatameef ergaan karaa weedduu cidhaa darbu kun akka hin dagatamneef abbootiin gadaa, abbootiin amantiifi hawaasa biratti beekamee akka turu gochuu, dhaabbileen barnootaa olaanoo af-walaloon kun akka hin dagatamne Uummanni Aanaa Walisoofi Waajjirri Aadaafi Tuuriizimii Weedduu Cidhaa Mana Misirrichaatti weeddifamu irratti hojjachuun dhaloonni dhufu akka hubannoo gaarii argataniifi aadichis akka hin dagatamne kunuunsa barbaachisaa gochuufi qabu en_US
dc.language.iso en en_US
dc.publisher Ambo University en_US
dc.subject Qaaccessa Ergaa en_US
dc.subject Weedduu Cidhaa en_US
dc.subject Aanaa Walisoo en_US
dc.title Qaaccessa Ergaa Weedduu Cidhaa Mana Misirrichaatti Weeddifamu: Godina Shawaa Kibba Lixaa, Aanaa Walisoo irratti Kan Xiyyeeffate en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search AmbouIR


Advanced Search

Browse

My Account