Abstract:
Kaayyoon qorannoo kanaas ergaa weedduu cidhaa mana misirrichaatti weeddifamu Oromoo Godina
Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Walisoo qaaccessuudha.Qorannoo kana galmaan ga’uuf maddi ragaa 1ffaan
dhimma itti bahame, hawaasa Aanichaa keessaa namoota dhimma qorannoo kanaaf odeeffannoo
barbaachisu kennuu danda’an mala iddatteessuu miti carraan filataman
dubartootaa,shamarran,maanguddoota akkasumas dargaggoota weedduu yookan namoota aadaa sirba
fuudhaafi heerumaa kana irratti muuxannoofi hubannoo qaban Odeeffannoon qorannichaaf
barbaachisu immoo meeshaalee funaansa ragaa af-gaaffii, marii gareefi daawwannaan walitti
qabameera. Ragaaleen madda garaagaraa irraa meeshaalee funaansa ragaa armaan olitti eeramaniin
walitti qabaman kunniin mala akkamtaa fayyadamuun jechaan ibsamaniiru. Ragaalee qaacceffaman
kanneen bu’ureeffachuun argannoowwan bira ga’aman ergaa weedduu cidhaa mana misirrichaatti
weeddifamu waantoota hawaasa Aanaa Walisoo biratti beekamu keessaa tokko kan ta’eefi hawaasni
Oromoo Aanichaa kessatti weeddifamu ergaawwan gurguddoo kanneen jibbaafi jaalalaa, gaddaafi
gammachuu,argachuufi dhabuu aadaa hawaasa tokkoo keessatti kan mul’atu ta’uun
qacceffameera.Adeemsa raawwii cidhaa mana misirrichaatti weeddifamu kabajuun aadaa isaanii
keessaa tokko yommuu ta’u ,jaalala,kabaja,kunuunsuufi ulfina mushurrichaafi misirroodhaaf qaban
ibsuuf akka ta’e xiinxalameera. Faayidaan weedduu cidhaa jajjabeessuu, bultii qabannaa kan barsiisu
ta’uu, yaaddoo jalaa miliquufi namoota qeequufidha.Kana malees, duudhaa hawaasaa to’achuufi
faayidaa ibsuu keessattis ga’ee kan qabu ta’uu bira ga’ameera. Ogafaan kana keesatti fayyadaman
immoo kan akka Eebbaa,weedduu,geerarsaafi sirba itti fayyadamuun hubatameera.Yaboon qorannichaa
immoo walaloon weedduu cidhaa ergaawwan gurguddoo kanneen weedduu fuudhaafi heerumaa keessa
kan akka butii,aseennafikan birootin darbuu hin dandeenye keennuu keessatti ga’ee guddaa kan qabu
ta’uun isaa waan hubatameef ergaan karaa weedduu cidhaa darbu kun akka hin dagatamneef abbootiin
gadaa, abbootiin amantiifi hawaasa biratti beekamee akka turu gochuu, dhaabbileen barnootaa olaanoo
af-walaloon kun akka hin dagatamne Uummanni Aanaa Walisoofi Waajjirri Aadaafi Tuuriizimii
Weedduu Cidhaa Mana Misirrichaatti weeddifamu irratti hojjachuun dhaloonni dhufu akka hubannoo
gaarii argataniifi aadichis akka hin dagatamne kunuunsa barbaachisaa gochuufi qabu