WelCome to Ambo University Institutional Repository!!

Xiinxala Asoosama Dheeraa Yeroon Siif Haadhiistu: Ija Yaadiddama Maarkisiizimiitiin

Show simple item record

dc.contributor.author Fayyeeraa, Fufaa
dc.date.accessioned 2022-12-30T12:45:13Z
dc.date.available 2022-12-30T12:45:13Z
dc.date.issued 2022-06
dc.identifier.uri http://hdl.handle.net/123456789/2351
dc.description.abstract Kaayyoo gooroon qorannoo kanaa asoosama dheeraa Yeroon Siif Haadhiistu yaadiddama maarkisiizimiitiin xiinxaluudha. Qorannoo kana adeemsisuuf dhimmoonni ka’uumsa ta’an asoosamni Oromoo sababa dhiibbaa garagaraa irraa ka’een umurii gabaabaa qabaachuu irraa kan ka’e tajaajila barbaadamu kennuu hanqachuudha. Akkasumas, asoosamoota Oromoo amma yoonaatti gabaarra oolan irratti qorannoowwan hedduun adeemsifamanillee, kanneen yaadiddama bu’uura godhachuun adeemsifaman ogbarruu Oromoof gahaa ta’uu dhabuufi tajaajila barbaadamu kennuu dadhabuu isaaniiti. Qorannoon kun mala qorannoo akkamtaa ibsaatiin kan gaggeeffame yommuu ta’u, malli iddatteessuu qorannoo kana keessatti dhimma itti bahame immoo mala kaayyeffataati. Maddi ragaa qorannoo kanaas madda ragaa tokkoffaa yommuu ta’u, maddi ragaa kunis kitaaba asoosamichaati. Tooftaan funaansa ragaa qorannoo kanaas mala xiinxala barruuti. Argannoowwan qorannoo kanaas kanneen itti aananii dhiyaatani. Asoosama ‘‘Yeroon Siif Haadhiistu keessatti’’ sababa olaantummaa diinagdeetiin qabeenya walii gaaduun namfakkiiwwan dhiibbaa walirraan gahuufi walhiyyoomsuun xiinxala ragaalee seeneffama asoosamichaa keessaa fudhatamanii irraa adda ba’uun ragaalee seeneffama asoosamichaa keessaa fudhatamanii xiinxalamaniin bira ga’amaniiru. Dabalataanis ilaalchonni akka ilaalcha kaappitaalizimii, ilaalcha amantiifi ilaalchi hawaasaa dhiibbaa garagaraa namfakkiiwwan irraan gahuun bira gahameera. Kana malees, asoosamicha keessatti gareewwan hawaasaa diinagdee bu’uureffachuun sadarkaa olaanaafi gadi aanaa irra jiran dhiibbaa kan walirraan gahaa turaniifi warreen sadarkaa olaanaarra jiraniif ilaalchi gaariin kennamuun warreen sadarkaa gadi aanaarra jiraniif immoo ilaalchi gadi aanaan kennamuurra darbee warreen sadarkaa olaanaarra jiran gargaaruuf akka uumamanitti dhiyaachuun qorannoo kanaan bira ga’ameera. Dhuma irratti dhimmoonni hawaasaa kanneen akka: aangootti akka malee fayyadamuu, safuu cabsuufi namfakkiiwwan karaa aadmalee ta’een miidhaa walirraan gahuu karaa irraa goruun dhiyaachuun bira gahameera. Argannoo qorannoo kanarratti hundaa’uun qoratichi yaboo itti aanu dhiyeesseera. Kunis barreessitoonni ogbarruu waan addunyaa kanarra jiru gara hojii kalaqaatti yeroo fidan waan hawaasa biraa keessaa dhufe osoo hin taane kan hawaasa ogbarrichi ilaallatuu yoo ta’e gaarii ta’a. Kana malees, ilaalchota jireenya keessatti dhiibbaa garagaraa geessisan yeroo gara asoosamaatti fidan ilaalcha dhuunfaa isaanii calaqqisiisuu irraa yoo of qusatan bareeda ta’a. Dabalataanis Sadarkaa diinagdee irratti hundaa’ee hawaasa keessatti uumame yeroo gara ogbarruutti fidan warreen garee olaanoof waan gaggaarii ta’e looguun warreen kaan osoo akkuma addunyaa irratti mul’atutti gadi qabanii dhiyeessuu baatanii gaariidha. Dhuma irratti immoo dhimmoonni hawaasaa yeroo dhiyaatan dhimma walmakaa osoo hin taane dhimmi Oromoo ogbarruu Oromoo ilaallatu haala hawaasicha keessatti hojiirra ooluun yoo dhiyaate gaarummaa qaba. en_US
dc.language.iso en en_US
dc.publisher Ambo University en_US
dc.subject Xiinxala en_US
dc.subject Asoosama Dheeraa en_US
dc.subject Ija en_US
dc.title Xiinxala Asoosama Dheeraa Yeroon Siif Haadhiistu: Ija Yaadiddama Maarkisiizimiitiin en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search AmbouIR


Advanced Search

Browse

My Account