Abstract:
Kaayyoo gooroon qorannoo kanaa asoosama dheeraa Yeroon Siif Haadhiistu yaadiddama
maarkisiizimiitiin xiinxaluudha. Qorannoo kana adeemsisuuf dhimmoonni ka’uumsa ta’an
asoosamni Oromoo sababa dhiibbaa garagaraa irraa ka’een umurii gabaabaa qabaachuu irraa
kan ka’e tajaajila barbaadamu kennuu hanqachuudha. Akkasumas, asoosamoota Oromoo amma
yoonaatti gabaarra oolan irratti qorannoowwan hedduun adeemsifamanillee, kanneen
yaadiddama bu’uura godhachuun adeemsifaman ogbarruu Oromoof gahaa ta’uu dhabuufi
tajaajila barbaadamu kennuu dadhabuu isaaniiti. Qorannoon kun mala qorannoo akkamtaa
ibsaatiin kan gaggeeffame yommuu ta’u, malli iddatteessuu qorannoo kana keessatti dhimma itti
bahame immoo mala kaayyeffataati. Maddi ragaa qorannoo kanaas madda ragaa tokkoffaa
yommuu ta’u, maddi ragaa kunis kitaaba asoosamichaati. Tooftaan funaansa ragaa qorannoo
kanaas mala xiinxala barruuti. Argannoowwan qorannoo kanaas kanneen itti aananii
dhiyaatani. Asoosama ‘‘Yeroon Siif Haadhiistu keessatti’’ sababa olaantummaa diinagdeetiin
qabeenya walii gaaduun namfakkiiwwan dhiibbaa walirraan gahuufi walhiyyoomsuun xiinxala
ragaalee seeneffama asoosamichaa keessaa fudhatamanii irraa adda ba’uun ragaalee
seeneffama asoosamichaa keessaa fudhatamanii xiinxalamaniin bira ga’amaniiru. Dabalataanis
ilaalchonni akka ilaalcha kaappitaalizimii, ilaalcha amantiifi ilaalchi hawaasaa dhiibbaa
garagaraa namfakkiiwwan irraan gahuun bira gahameera. Kana malees, asoosamicha keessatti
gareewwan hawaasaa diinagdee bu’uureffachuun sadarkaa olaanaafi gadi aanaa irra jiran
dhiibbaa kan walirraan gahaa turaniifi warreen sadarkaa olaanaarra jiraniif ilaalchi gaariin
kennamuun warreen sadarkaa gadi aanaarra jiraniif immoo ilaalchi gadi aanaan kennamuurra
darbee warreen sadarkaa olaanaarra jiran gargaaruuf akka uumamanitti dhiyaachuun
qorannoo kanaan bira ga’ameera. Dhuma irratti dhimmoonni hawaasaa kanneen akka:
aangootti akka malee fayyadamuu, safuu cabsuufi namfakkiiwwan karaa aadmalee ta’een
miidhaa walirraan gahuu karaa irraa goruun dhiyaachuun bira gahameera. Argannoo
qorannoo kanarratti hundaa’uun qoratichi yaboo itti aanu dhiyeesseera. Kunis barreessitoonni
ogbarruu waan addunyaa kanarra jiru gara hojii kalaqaatti yeroo fidan waan hawaasa biraa
keessaa dhufe osoo hin taane kan hawaasa ogbarrichi ilaallatuu yoo ta’e gaarii ta’a. Kana
malees, ilaalchota jireenya keessatti dhiibbaa garagaraa geessisan yeroo gara asoosamaatti
fidan ilaalcha dhuunfaa isaanii calaqqisiisuu irraa yoo of qusatan bareeda ta’a. Dabalataanis
Sadarkaa diinagdee irratti hundaa’ee hawaasa keessatti uumame yeroo gara ogbarruutti fidan
warreen garee olaanoof waan gaggaarii ta’e looguun warreen kaan osoo akkuma addunyaa
irratti mul’atutti gadi qabanii dhiyeessuu baatanii gaariidha. Dhuma irratti immoo dhimmoonni
hawaasaa yeroo dhiyaatan dhimma walmakaa osoo hin taane dhimmi Oromoo ogbarruu
Oromoo ilaallatu haala hawaasicha keessatti hojiirra ooluun yoo dhiyaate gaarummaa qaba.