WelCome to Ambo University Institutional Repository!!

Xiinxala Dogoggora Beeksisoota Afaan Oromootiin Barreessuu Keessatti Mul‟Atan: Waajjira Mootummaa Magaalaa Hoolataa Irratti Kan Xiyyeeffate

Show simple item record

dc.contributor.author Fayyeeraa, Dheeressaa
dc.date.accessioned 2022-12-29T07:31:36Z
dc.date.available 2022-12-29T07:31:36Z
dc.date.issued 2022-08
dc.identifier.uri http://hdl.handle.net/123456789/2340
dc.description.abstract Qorannoon kun kan irratti xiyyeeffatu rakkoo dogoggora beeksisota Afaan Oromootiin barreessuu keessatti mul’atan waajjiraalee mootummaa magaalaa Hoolataati. Mata dureen qorannoo kun akka qoratamu qoratichaaf kaka`umsa kan ta`e; yeroo baay`ee barreeffamoota beeksisota waajjiralee mootummaa irratti hanqina mul`atu ilaalchisee qeeqa namoota garaagaraatiin dhiyaataniidha. Akkasumas,hayyoota afaanii hawaasa garaagaraatiin komii waltajjii leenjii garaagaraa irratti dhagaa`amaniidha. Kanarraa ka’uun, kaayyoon qorannoon kun qabatee ka`e xiinxala barreeffamoota beeksisa waajjiraalee mootummaa keessaa barreeffamanii bahaniidha.Akkasumas qorataan kaayyoo isaa galmaan gahuuf mala qorannoo akkamtatti dhimma baheera.Maddi odeeffannoo qorannoo kanaa madda odeeffannoo tokkoffaafi lamaffaati. Kana malees malli iddattoo qorannoo kanaa kan of keessatti hammatu mala iddatteessuu akayyoo fayyadamuun odeef-kennitoonni filatamanii jiru.Ragaalee qorannoo kanaaf oolan funaanuufis mala funaansa odeeffannoo kanneen akka af-gaaffiifi sakatta’a dokumantiin funaanaman jechaan qaacceffamee jira.Argannoon gurguddoo qorannoo kanaa barreeffamoota beeksisa waajjiralee mootummaa keessa hanqinni jiraachuu qoratichi adda baasee jira. Dogoggorri barreeffamoota isaanii keessatti mul`atanis:seeraan qubeessuu dhabuu, seerluga Afaanicha fayyadamuu dhabuufi caasaa afaanichaa akkaataa seerri isaa ajajuun gargaaramuu dhabuufi sirna tuqaalee akka ta’e mul`ate jira. Sababa dogoggora barreessuu isaanii: xiyyeeffannaa ittikennuu dhabuu, gahumsa barbaachisu fayyadama afaaniirratti dhabuufi leenjiin yeroo yeroon barreesitoota waajjiralee mootummaaf ogummaa barreessuurratti kennamuu dhabuu akka ta`e adda baafamee jira. Kana bu`uureffachuun qoratichi yaada furmaataa kennee jira: Barreesittoonni waajjiraalee mootummaa keessaa hojjetan barreeffama mana hojii Afaan Oromoon yeroo barreessan qubeessuu, sirna tuqaaleefi caasaa afaanii irratti xiyyeeffachuun gaarii ta`a. Qaamoleen Mootummaas dogoggora barreessuu waajjiralee mootummaa biratti mul`atan kana furuuf ogeessota afaanii waliin ta`uun leenjii hojiirraa yeroo yeroon osoo keenneef filatamaadha.Dabalataanis, gulaalaan barreeffamoota waajjiralee mootummaa ogeessi afaanii utuu waajjiraalee hunda keessa jiraateefi hanqina kana furuuf mosaajiin (software) Afaan Oromoo osoo qophaa`ee shora guddaa qaba jechuun qoratichi yaada furmaata ta`us eeree jira en_US
dc.language.iso ao en_US
dc.publisher Ambo University en_US
dc.subject Xiinxala en_US
dc.subject Dogoggora Beeksisoota en_US
dc.subject Afaan Oromootiin en_US
dc.title Xiinxala Dogoggora Beeksisoota Afaan Oromootiin Barreessuu Keessatti Mul‟Atan: Waajjira Mootummaa Magaalaa Hoolataa Irratti Kan Xiyyeeffate en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search AmbouIR


Advanced Search

Browse

My Account