Abstract:
Qorannoon kun kan irratti xiyyeeffatu rakkoo dogoggora beeksisota Afaan Oromootiin
barreessuu keessatti mul’atan waajjiraalee mootummaa magaalaa Hoolataati. Mata dureen
qorannoo kun akka qoratamu qoratichaaf kaka`umsa kan ta`e; yeroo baay`ee barreeffamoota
beeksisota waajjiralee mootummaa irratti hanqina mul`atu ilaalchisee qeeqa namoota
garaagaraatiin dhiyaataniidha. Akkasumas,hayyoota afaanii hawaasa garaagaraatiin komii
waltajjii leenjii garaagaraa irratti dhagaa`amaniidha. Kanarraa ka’uun, kaayyoon qorannoon
kun qabatee ka`e xiinxala barreeffamoota beeksisa waajjiraalee mootummaa keessaa
barreeffamanii bahaniidha.Akkasumas qorataan kaayyoo isaa galmaan gahuuf mala qorannoo
akkamtatti dhimma baheera.Maddi odeeffannoo qorannoo kanaa madda odeeffannoo tokkoffaafi
lamaffaati. Kana malees malli iddattoo qorannoo kanaa kan of keessatti hammatu mala iddatteessuu
akayyoo fayyadamuun odeef-kennitoonni filatamanii jiru.Ragaalee qorannoo kanaaf oolan
funaanuufis mala funaansa odeeffannoo kanneen akka af-gaaffiifi sakatta’a dokumantiin
funaanaman jechaan qaacceffamee jira.Argannoon gurguddoo qorannoo kanaa barreeffamoota
beeksisa waajjiralee mootummaa keessa hanqinni jiraachuu qoratichi adda baasee jira.
Dogoggorri barreeffamoota isaanii keessatti mul`atanis:seeraan qubeessuu dhabuu, seerluga
Afaanicha fayyadamuu dhabuufi caasaa afaanichaa akkaataa seerri isaa ajajuun gargaaramuu
dhabuufi sirna tuqaalee akka ta’e mul`ate jira. Sababa dogoggora barreessuu isaanii:
xiyyeeffannaa ittikennuu dhabuu, gahumsa barbaachisu fayyadama afaaniirratti dhabuufi
leenjiin yeroo yeroon barreesitoota waajjiralee mootummaaf ogummaa barreessuurratti
kennamuu dhabuu akka ta`e adda baafamee jira. Kana bu`uureffachuun qoratichi yaada
furmaataa kennee jira: Barreesittoonni waajjiraalee mootummaa keessaa hojjetan barreeffama
mana hojii Afaan Oromoon yeroo barreessan qubeessuu, sirna tuqaaleefi caasaa afaanii irratti
xiyyeeffachuun gaarii ta`a. Qaamoleen Mootummaas dogoggora barreessuu waajjiralee
mootummaa biratti mul`atan kana furuuf ogeessota afaanii waliin ta`uun leenjii hojiirraa yeroo
yeroon osoo keenneef filatamaadha.Dabalataanis, gulaalaan barreeffamoota waajjiralee
mootummaa ogeessi afaanii utuu waajjiraalee hunda keessa jiraateefi hanqina kana furuuf
mosaajiin (software) Afaan Oromoo osoo qophaa`ee shora guddaa qaba jechuun qoratichi
yaada furmaata ta`us eeree jira