WelCome to Ambo University Institutional Repository!!

Xiinxala Sirna Kabaja Ayyaana Qaalluu Waatiroo Godina Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Wancii

Show simple item record

dc.contributor.author Guutaa, Rafeeraa
dc.date.accessioned 2022-12-14T08:14:49Z
dc.date.available 2022-12-14T08:14:49Z
dc.date.issued 2022-06
dc.identifier.uri http://hdl.handle.net/123456789/2267
dc.description.abstract Ka’umsa qorannoo kanaa kanneen ta’an keessaa tokko sirna kabaja Ayyaana Qaalluu Waatiroo kanarratti qorannoon gaggeeffame dhabamuudha.Iddoo adda addaatti kanneen hojjataman jiraatanillee meeshaalee ayyaanichaafi afoolawwan itti gargaaraman xiinxaluu irratti qaawwa waan qabaniif qaawwa sana guutuuf kan ka’eedha. Gama biraatiin, sirni kunbarreeffamaan kan hin jirreefi kallattiidhaan kitaabilee barnootaa keessaa dhabamuudha. Kaayyoon qorannoo kanaa immoo sirna kabaja Ayyaana Qaalluu Waatiroo xiinxaluudha.Saxaxni qorataan qorannoo kana keessatti gargaarame, saxaxa qorannoo akkamtaati.Malli iddatteessuu qorataan itti fayyadame mala iddatteessuu miticarraa keessaa darbaan dabarsaafi akkayyootti fayyadameera.Meeshaaleen odeeffannoo sassaabbachuuf gargaarame, daawwannaa, afgaaffiifi marii gareedha.Odeeffannoon argame walitti qabamuun mala iddatteessaatti fayyadamuun, ibsi bal’aan itti kennamuun ragaaleen xiinxalamaniiru.Yaaxinaaleen irratti xiyyeeffatames, yaaxina faayidaafi haalawaati.Argannoon qorannichaas, Qaalluun Waatiroo ergamaa Rabbii ta’uun, ergaa rabbi biraa dhaga’uun namoota tajaajiluu, yoomessi sirna kanaa Sadaasa galateeffannaafi Waxabajjii gaggeessaadhaafi. Meeshaaleen yeroo sirni kun raawwatu tajaajila kennan kan Ateeteefi Waaqeffannaa waliin walfakkaachuu akkasumas, meeshaalee nyaataa kan ulfoo, kan dhugaatiifi miidhaginaaf dhimma itti bahaman fa’i. Sirna kabaja ayyaana kanaa keessatti faaruuwwan faarfaman kan yeroo ayyaanni bu’uu, kan osoo ayyaanni hin bu’iin faarfamaniifi kan Waaqa ittiin galateeffachuuf faarfaman jiraachuu qorataan argannoo isaatiin bira ga’eera. Sirni raawwii ayyaana kanaa duudhaa boonsaafi kabajamaa ta’ee, akka itti fufiinsa qabaatuufi tursuuf, kitaabilee barnootaa keessatti haala gahaa ta’een hammatamee akka barsiifamu taasisuudha. en_US
dc.language.iso ao en_US
dc.publisher Yunivarsiitii Amboo en_US
dc.subject Xiinxala en_US
dc.subject Ayyaana Qaalluu en_US
dc.subject Aanaa Wancii en_US
dc.title Xiinxala Sirna Kabaja Ayyaana Qaalluu Waatiroo Godina Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Wancii en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search AmbouIR


Advanced Search

Browse

My Account