Abstract:
Ka’umsa qorannoo kanaa kanneen ta’an keessaa tokko sirna kabaja Ayyaana Qaalluu Waatiroo
kanarratti qorannoon gaggeeffame dhabamuudha.Iddoo adda addaatti kanneen hojjataman
jiraatanillee meeshaalee ayyaanichaafi afoolawwan itti gargaaraman xiinxaluu irratti qaawwa
waan qabaniif qaawwa sana guutuuf kan ka’eedha. Gama biraatiin, sirni kunbarreeffamaan kan
hin jirreefi kallattiidhaan kitaabilee barnootaa keessaa dhabamuudha. Kaayyoon qorannoo
kanaa immoo sirna kabaja Ayyaana Qaalluu Waatiroo xiinxaluudha.Saxaxni qorataan qorannoo
kana keessatti gargaarame, saxaxa qorannoo akkamtaati.Malli iddatteessuu qorataan itti
fayyadame mala iddatteessuu miticarraa keessaa darbaan dabarsaafi akkayyootti
fayyadameera.Meeshaaleen odeeffannoo sassaabbachuuf gargaarame, daawwannaa, afgaaffiifi
marii gareedha.Odeeffannoon argame walitti qabamuun mala iddatteessaatti fayyadamuun, ibsi
bal’aan itti kennamuun ragaaleen xiinxalamaniiru.Yaaxinaaleen irratti xiyyeeffatames, yaaxina
faayidaafi haalawaati.Argannoon qorannichaas, Qaalluun Waatiroo ergamaa Rabbii ta’uun,
ergaa rabbi biraa dhaga’uun namoota tajaajiluu, yoomessi sirna kanaa Sadaasa
galateeffannaafi Waxabajjii gaggeessaadhaafi. Meeshaaleen yeroo sirni kun raawwatu tajaajila
kennan kan Ateeteefi Waaqeffannaa waliin walfakkaachuu akkasumas, meeshaalee nyaataa kan
ulfoo, kan dhugaatiifi miidhaginaaf dhimma itti bahaman fa’i. Sirna kabaja ayyaana kanaa
keessatti faaruuwwan faarfaman kan yeroo ayyaanni bu’uu, kan osoo ayyaanni hin bu’iin
faarfamaniifi kan Waaqa ittiin galateeffachuuf faarfaman jiraachuu qorataan argannoo isaatiin
bira ga’eera. Sirni raawwii ayyaana kanaa duudhaa boonsaafi kabajamaa ta’ee, akka itti
fufiinsa qabaatuufi tursuuf, kitaabilee barnootaa keessatti haala gahaa ta’een hammatamee akka
barsiifamu taasisuudha.