WelCome to Ambo University Institutional Repository!!

Xiinxala Itti Fayyadama Afaanii Sirba ‘Barraaq’ Jedhu Kan Aartisit Keekiyyaa Badhaadhaa

Show simple item record

dc.contributor.author Taammanaa, Soorii
dc.date.accessioned 2022-12-13T13:57:02Z
dc.date.available 2022-12-13T13:57:02Z
dc.date.issued 2014-11
dc.identifier.uri http://hdl.handle.net/123456789/2260
dc.description.abstract Kaayyoon qorannoo kanaa Itti Fayyadama Afaanii Sirba ‘Barraaq’ jedhu kan aartist Keekiyyaa Badhaadhaa Xiinxaluun qaaccessee kanan dhiyeesse yoo ta‟u, Qorannoon kun kan inni irrratti xiyyeeffate dhimma haala itti fayyadama afaanii Sirba „Barraaq‟ keessatti mul‟atu xiinxaluun bu‟aa adda addaatiif oolchuudha. Haaluma kanaan qorannoon kun Saxaaxa ibsaan gaggeeffame. Haaluma kanaan qorannoo kana keessatti itti fayyadamni jechootaa sadarkaa garaagaraatti, maal akka fakkaatu, haala kamiin jechoonni moggoofi faallaa, jechoonni idileefi al-idileen, jechoonni hiika fuullee akkasumas, irra deddeebin jechootaa dhimma itti ba‟aman xinxalamee jira. Dabalataan, itti fayyadamni ogafaanii jechamaa, malleen dubbii kanneen akka: iddeessafi nameessatti dhimma itti ba‟amuun ergaan darban agarsiisuun qorannoon kun adeemsifamee jira. Qorannoo kana adeemsisuuf malli dhimma itti ba‟ame, mala qorannoo akkamtaati. Sababni malli kun filatameefis ragaa sirbicha keessa jiru jechaan waan xiinxalameefidha. Malli funaansa ragaa immoo, saakatta‟a dookimentii (ragaa) yemmuu ta‟u, sirba suursagalee „Barraaq‟ jedhu irra deddeebiin daawwachuun sirba kana barreeffamatti jijjiiruun xinxalamee dhiyaatee jira. Argannoon qorannoo kanaan bira ga‟ames, sirba Keekiyyaa „Barraaq‟jedhu keeaasstti haammataman kan akka: gadda, tuffii, obsa fixachuu, akka ta‟an hubachuun daanda‟amee jira. Dabalataan itti fayyadamni afaanii sadarkaa jechoota idileefi al-idilee, hiika moggoofi faallaa, irra deddeebii jechootaatti gargaaramuun ergaan akka darbe bira ga‟amee jira. Kana malees, itti fayyadamni ogafaanii jechaamaafi malleen dubbii kan akka: iddeessaafi nameessatti akka gargaarame hubachuun danda‟amee jira. Itti fayyadmni caasaa afaanii sirba kanaan dhimma itti ba‟ame baayyeen isaa seera caasaa Afaan Oromoo eeguun kan barreeffameefi amala walaloon tokko guutuu qabau yeedalummaa, mana rukkutaa, tooraafi buufata qabaachuufi birsaga walqixxee irraa akka ijaarame bira ga‟mee jira.Dhumarratti qaamota garaagaraa dhimmi isaa ilaallatuuf, yaadni furmaataa kennamee jira. en_US
dc.language.iso ao en_US
dc.publisher Ambo University en_US
dc.subject Xiinxala en_US
dc.subject Fayyadama en_US
dc.subject Sirba ‘Barraaq’ en_US
dc.title Xiinxala Itti Fayyadama Afaanii Sirba ‘Barraaq’ Jedhu Kan Aartisit Keekiyyaa Badhaadhaa en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search AmbouIR


Advanced Search

Browse

My Account